Paartiin Badhaadhinaa raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii gamaaggamaa jira




Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 4,2015 (YMN)-Hoggantoonni ol'aanaan Paartii Badhaadhinaa raawwii karoora baatiiwwan jahan darbanii Paartichaarratti mari’achaa jiru.
Dursaa Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah gamaaggamicharratti haasawaa taasisaniin, Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii isaa jalqabaarratti murtee dabarsee fi filannoorratti waadaa ummataaf gale raawwachuuf carraaqii ol'aanaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Obbo Adam, hoggansa hubannoo walfakkataa qabuu fi paartii fudhatama qabu ijaaruun, hirmaannaa fi fayyadamummaa ummataa mirkanneessuuf kaayyeeffate hojiitti galuu kaasaniiru.
Akkaatuma kanaan paartichi gamaaggama raawwii baatiiwwan jahan darbanii naannoolee hundaa fi bulchinsa magaalootaatti hojiilee hojjetaman ni gamaaggama jedhan.
Mariicharratti hoggantoonni Ol'aanoon Waajjiraa Muummee Paartichaa, Naannoolee fi kanneen biroo argamuu odeeffannoon Paartii Badhaadhinaa irraa argame ni mul’iseera.

Post a Comment

0 Comments