Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 12,2015(YMN) Finxaaleeyyiin keessaafi alaa qindoomina uummatan Mootummaa qajeelfama paartii Badhaadhinaatiin hoogganamaa jiru fonqolchuuf nugrgaara jechuun tooftaawwan adda addaa qopheeffachuun socho’aa akka jiran nibeekama.
Tarsiimoo lakkoofsa tokkoffaatiin waldhabdee amantaa
finiinsuudhaan hordoftoonni amantaa kirstaanaafi Islaamaa waldhadeetti akka
galaniif haala mijaawaa argame kamiittuu fayyadamuudhaan carraaqqii ol’aanaa
taasisaniiru.Garuu hanga ammaatti yoo milkaa’uu dadhabanis tarsiimoo jalqabaa
itti fufiinsaan hojiirra oolchaa akka jiran barreeffama kutaa 1ffaa keessatti
kaaseen jira.Barreeffama itti aanuun ammoo dhimma lammiiwwan sababoota adda
addaatiin iddoo jireenyaa irraa buqqa’anis fonqolcha motummaatiif nugrgaara
jedhanii yaaduun akka tarsiimootti itti fayyadamaa akka jiran agarsiiftuuwwan
qabatamaa ta’an kaasuudhaanin isiniif dhiyeessa,dubbisaa!
Tarsiimoo 2:Dhimma
lammiiwwan buqqa’anii daldala siyaasaaf itti fayyadamuu
Sababa haleellaa hidhattoonni iddoowwan tokko tokkotti raawwataniin
lammiiwwan naannawa jireenyaa isaaniirraa buqqa’uuf dirqamaniiru.Adda
durummaadhaan Oromiyaa lixaa godinaalee Wallaggaa keessatti yeroo adda addaatti
lammiiwwan buqqa’uun jireenya dararamaatiif saaxilamuusaanii kaasuun
nidanda’ama.Lammiiwwan qayee isaaniirraa buqqa’uun isaanii finxaaleeyyii
Amaaraafi Oromootiif gammachuufi fishiliqa guddaa uuma.Kanas yeroo adda
addaatti qabatamaan agarree jirra.Finxaaleeyyiin lammiiwwan qayee isaaniirraa
akka buqqa’aniif qindoominaan hojjechaa
akka turan qondaaltoonni mootummaa mirkaneessuudhaan ummatatti himaa akka turan
nibeekama.
Gama kanaan dhugaa jiru pirezidaantiin bulchiinsa Mootummaa
Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa finxaaleeyyiin Amaaraafi Oromoo
qindoominaan akka hojjechaa jiran mirkaneessaniiru.Obbo Shimallis gareewwan
Finxaaleeyyiin Amaaraafi Oromoo waan walfalaman fakkeessuuf yaalu malee
qindoominaan akka hojjechaa jiran mirkaneessineerra jechuun yaa’ii Caffee
Oromiyaa dhiyeenya gaggeeffame irratti waan mirkaneessaniif haqa kana hundatu
beeka.
Kanaaf buqqaatiin lammiiwwanii gabaan siyaasa Finxaaleeyyii akka
ho’uuf haala mijaawaa kan uume ta’uunsaa beekameera.Ofumaa qindaa’anii nagaa
booressuudhaan lammiiwwan iddoo jireenyaa irraa akka buqqa’an erga taasisanii
booda’Mootummaan lammiiwwan baraaruu hindandeenye’ergaa jedhu dabarsuuf
keessaafi alaa iyyi akka dhaga’amu taasisuun mootummaa irratti dhiibbaan akka
uumamuuf irra deddeebi’uudhaan carraaqaniiru.
Tarsiimoon isaanii kun mikaa’ina barbaadan akka argamsiisuuf
wixiffannaan taasisan lammiiwwan kamirrattuu miidhaa geessiseera.Oromoon
miidhameera,Amaarris miidhameera.Lamaanuu qayee isaaniirraa buqqa’uuf
dirqamaniiru.lubbuun namootaa darbeera,qabeenyi carraaqqii waggoota hedduu booda
horatan jalaa barbadeeffameera.
Balaan buqqaatii dhalattoota Amaaraa qofa miidhe jechuun kan
olulu humni finxaaleessaan Amaaraa ammas himannaasaa cimsuudhaan itti fufeera.Keessumattuu Oromoon
hundumtuu kan nama ajjeessuufi kan buqqisu,qabeenya kan saamu walumaagalatti
bulguu fakkeessanii dhiyeessuudhaan summii jibbiinsaa facaasaa jiru.Humnoonni
kun Oromoo hunda irratti arraba roobsuudhaan haalli ummata Amaaraa fayyaduu
ittiin danda’an hinjiru.
Kan biraa bulchiinsi magaalaa Shaggar sochii ijaarsa seeraan
alaa ittisuuf tarkaanfiin dhiyeenya fudhate dhalattoota Amaaraa buqqisuuf kan
fudhatame akka ta’e fakkeessuudhaan finxaaleeyyiin Amaaraa daldala siyaasaa
isaanii hanga ammaatti finiinsuun itti fufaniiru.Haa ta’uutii bulchiinsi
magaalaa Shaggar ijaarsawwan seeraan alaa irratti tarkaanfii kan fudhate nama
sabummaadhaan adda qoodee akka hintaane qondaaltoonni bulchiinsichaa ragaa
dhiyeenya kennanin mirkaneessaniiru.
Kana wajjin walqabatee humni finxaaleessaan Amaaraa bulchiinsi
Magaalaa Shaggar kan hundeeffame dhalattoota Amaaraa Finfinnee irraa buqqisuuf
shira qophaa’edha jechuun balaaleffachaa jira.Paartiiwwan maqaa paartii
siyaasaa seera qabeessaan socho’aa jiran ejjennoo humna finxaaleessaa
deeggaruudhaan dhimma hundeeffama bulchiinsa Magaalaa Shaggar irratti ibsa
mormii baasaniiru.Kunis paartiiwwan kun humna finxaaleessaa wajjin
qindaa’uudhaan hojjechaa akka jiran dhugaa qabatamaan mul’ise ta’eera.
Humnoonni finxaaleeyyiin akkaataa seera Itiyoophiyaatiin karaa
nagaa filachuudhaan yaadasaanii ummataaf dhiyeessuudhaan haalli filannoodhaan
taayitaa qabachuu ittiin danda’an utuu jiruu mootummaa filannoo demookraatawaan
ummata bal’aadhaan filatame fonqolchuun taayitaa gojoma’aniif qabachuuf
tarsiimoo badii qopheeffachuudhaan socho’uun ulaagaa kamiiniyyuu fudhatama
hinqabu.
Itiyoophiyaan lammiiwwan aadaa waldanda’uu,walkabajaafi
jaalalaan biyya keessa jiraatan waan taateef finxaaleeyyiin dheebuu taayitaa
ba’uuf diinoota Itiyoophiyaa seenaadhaan beekaman wajjin qindaa’uudhaan
deeggarsa argataniin mootummaa ummataan filatame haalli humnaan taayitaa irraa
fonqilchuu ittiin danda’an gonkumaa jiraachuu baatus humnoonni kun tuffii
ummataaf qaban mul’isaa jiru waan ta’eef saboonni,sab-lammoonniifi ummattoonni
Itiyoophiyaa nurraa adabadhaa jechuu qabu.Tarsiimoo finxaaleeyyii itti aanu
qabadheen dhufa.Fayyaa ta’aa!
0 Comments