Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 13,2015(YMN) Tarsiimoowwan finxaaleeyyiin mootummaa fonqolchuuf qopheeffatan keessaa tokko bulchiinsa Magaalaa Finfinnee dirree jeequmsaa taasisuudha.Barreeffama kutaa lammaffaatiin finxaaleeyyiin buqqaatii lammiiwwanii daldala siyaasaatiif akka itti fayyadaman agarsiidtuuwwan isiniif dhiyeessuun kaaseen jira.Itti aansee ammoo haala Finxaaleeyyiin Magaalaa Finfinnee dirree jeequmsaa taasisuuf tarsiimoo ittiin qopheeffatanin isinitti hima.Dubbisaa!
Tarsiimoo
3:Finfinnee dirree jeequmsaa gochuu
Magaalaan Finfinnee wiirtuu siyaasaa Mootummaa Federaalaafi
bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaati.Kana malees Finfinneen jiddu gala
teessoo dhaabbilee ardii Afrikaafi idil addunyaa akka taate
beekamaadha.Finxaaleeyyiin dhaga’amtummaa argachuuf yeroo adda addaatti
Finfinnee irratti xiyyeeffachuudhaan carraaqqii jeequmsaa galma ga’uu dadhabuun
jalaa fashalaa’ee hafe irra deddeebiidhaan taasisaniiru.
Dhiyeenya kanas waanuma baran raawwachuuf wixiffatanis bu’aa
barbaadan galmeessifachuu hindandeenye.Bilaasha ta’uuf dirqaman.Kan
karoorfatanii itti qophaa’an milkaa’uufii dide.
Ayyaana Adwaa waggaa 127ffaa Guraandhala 23 bara 2015 Finfinneetti
kabajame wajjin walqabatee wanti itti qophaa’an ga’uumsa humnoota tasgabbiitiin
jalaa fashalaa’e.Guyyaan injifannoo kun adda babayii siidaa Minilik jalatti
kabajamuu qaba malee maalif gara adda babayii Masqalaa geeffama?Raayyaan
ittisaa kabaja guyyaa injifannoo kana akka qindeessu maalif taasifame?jedhanii
mormuudhaan waan isaan bataskaana Giyoorgisii keessatti raawwatan yaadachuun
barbaachisaadha.
Bataskaana da’eeffachuudhaan humnoota tasgabbii iratti dhakaa
darbachuun jeeqamsi akka ka’uufi sababa kanaanis lubbuun nama tokkoo akka
darbuufi namoonni muraasnis balaa madaa’uutiif akka saaxilaman taasisaniiru.Humni
poolisii aara ija nama boochisu biifuuf waan dirqameef namoota hedduurra
miidhaan akka ga’u taasisaniiru.
Kana duras sababa waldhabdee abbootii amantaa Tawaahidoo Ortoodooksii
Itiyoophiyaa jidduutti mudate sababeeffachuudhaan hiriira hinhayyamamne Guraandhala
5 bara 2015 baanu malee jedhanii rakkisuudhaan mootummaan hiriiricha waan hin
hayyamneef kunis jalaa fashalaa’ee hafeera.Kan injifannoo Adwaa
sababeeffachuudhaan bataskaan Giyoorgisiitti
taasisan karoorri Guraandhala shanii waan jalaa gufateef xiiqiidhaan kan
raawwatanidha.
Finxaaleeyyiin haala mijaawaa argame kamittuu fayyadamuudhaan
magaalaa Finfinnee dirree jeequmsaa taasisuu irraa akka duubatti hinjenne
carraaqqii yeroo gara garaatti taasisaniin qabatamaan mul’ateera.Gara
fuulduraattis waan baran raawwachuu irraa akka of hinqusanne nibeekama.
Qindeessitoonni Finxaaleeyyii Amaaraa biyya alaa jiran kan akka
nama Taammaany Bayyana jedhamuu ‘Mootummaa Abiy fonqolchuuf hiriirri namoonni
kumni dhibbi tokko qofaan itti hirmaatan niga’a’ jedhee qajeelfama waan
dabarseef gamaa gamanaa walwaamuudhaan Finfinnee dirree jeequmsaa taasisuuf
wixiffatanis wanti isaan yaadan galma ga’uufii hindandeenye.
Kana malee humni finxaaleeyyiin Naannoo Amaaraa,kibbaafi Oromiyaa
irraa namoonni hedduun gara Magaalaa Finfinnee akka dhufan taasisuudhaan Magaalaan
Finfinnee dirree jeequmsaa akka taatuuf hedduu carraaqaniiru.Keessumattuu Naannoo
Amaaraa irraa dargaggoonni hedduun gara Magaalaa Finfinnee akka galaniif sochii
bal’aa taasisaniiru.Mootummaan shira kana dursee waan hubateef imalli namoonni
gara Magaalaa Finfinneetti taasisan akka daangeeffame taasisee ture.
Tarkaanfii fudhatame kanaanis olola gara garaa facaasuudhaan
mootummaan akka jibbamuufi akka shakkamuuf waan danda’an hunda raawwachaa
turaniiru.Isaan shira itti qophaa’an hojiirra oolchuuf haala mijaawaa argatan
hundatti akka fayyadaman hubatameera.Akka fedhiifi carraaqqii isaaniitti utuu
ta’ee Finfinneen dirree jeequmsaa ta’uudhaan abjuun fonqolcha mootummaa isaan
itti qophaa’an kan milkaa’u ture.Garuu hintaane fashalaa’udhaan hafan,qaanii
baran haguuggatan.
Kanneen muraasa finxaaleeyyii deeggaraniin ala jiraattoonni Magaalaa
Finfinnee irra jiraan nagaadhaan hojjetachuudhaan jiraachuu barbaadu.Irra
jiraan yeroo jeeqamsaaf ba’uyyuu kan qabu miti.Nagaadhaan ba’ee nagaadhaan mana
isaatti deebi’uu kan barbaadudha.Humnoonni finxaaleeyyiin garuu shira qaala’iinsa
jireenyaa uumuu raawwachuudhaanis jiraattoonni nagaadhaan jiraachuu barbaadan
akka hintasgabboofne taasisaa jiru.
Mootummaan dhiyeenya kanaa asitti haala qabatamaan jiru
hubachuudhaan tarkaanfiiwwan sirreessaa fudhachaa jira.Shirri qaala’iinsa gatii
akka fala argatuuf dhiyeessiin omishawwan gara garaa akka dabalu taasisuudhaan
hawaasni akka tasgabbaa’u taasisaa jira.Tarkaanfiin kun haala fayyadamtummaa
jiraattoota Magaalaa itti fufiinsaan mirkaneessuun daran cimee itti fufuu qaba.Hawaasni
irra jiraan rakkoo qala’iinsa jireenyaatiif yoo saaxilamu finxaaleeyyiidhaaf
haalli mijaawaan waan umamuuf kallattii kamiiniyyuu finxaaleeyyiin kamiyyuu
haala mijaawaa akka hinarganneef kutannoodhaan hojjechuudhaan yeroo kamittiyyuu
Magaalaan Finfinnee dirree jeequmsaa akka hintaaneef hojjechuun dirqamadha.
0 Comments