Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 30,2015(YMN) Oromoon yoo mammaaku 'waa malee manni hinaaru'jedha.Akkuma beekamu mammaaksi Saba Oromoo dhaamsa dabarsuuf mammaakama.akkanumaan hin mammaakamu.
Magaalaa Finfinneetti guyyaa har'aa Guraandhala 30, 2015 irraa eegalee tajaajilli geejjibaa konkolaattota miila sadii fi afurii (baajaajii) naannawaa kamittuu yeroo murtaa’eef ugguramu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Biirichi akka beeksisetti kenniinsa tajaajila geejjibaa baajaajii sadarkaa fooyya’aan hoogganuuf hojiilee fooyyessa hojmaataa taasisaa jira.
Haaluma kanaan, hojiin fooyyessa hojmaatichaa hanga xumuramutti, akkasumas, barbaachisummaan tajaajilichaa qoratamee hanga murtee argatutti guyyaa har'aa Guraandhala 30 bara 2015 irraa eegalee naannawaa Finfinnee iddoowwan kamittuu tajaajilli geejjibaa baajaajii kan uggurame ta’uu ibsuu ragaan biiricharraa argame mul'iseera.
Geejibni Baajaajii akka dhorkamuuf sababiin biirichi hime kun amansiisaadha.Kanaan alattis rakkoon biraa jiraachuu akka danda'u shakkuun barbaachisaadha.
Tarii humnoonni fonqolcha mootummaa yaadan yaalii taasisuudhaan akka hinmilqineef tarkaanfii fudhatamedha jedhamee yaadamuu danda'a.Humnoonni badii haala mijaawaa kamittuu fayyadmuu irraa duubatti akka hinjenne beekamaadha.
Hundumaafuu balaan hammaataan ga'uun dura tarkaanfii of eeggannoo fudhachuun barbaachisaadha.Hojimaanni seera qabeessi hatattamaan diriirfamuu qaba.Lammiiwwan hojii geejiba Baajaajii kanaan jireenyasaanii gaggeessan akka jiran waan beekamuuf saffisiisuun barbaachisaadha.Hawaasni qarqara magaalaa jiraatu hedduunis geejiba Baajaajitti fayyadama waan ta'eef kanaafis haala mijeessuun barbaachisaadha.Gama kanaanis komiin uumamuu danda'a waan ta'eef dhimmichatti yaaduudhaan furmaata kennuun dirqama qaama dhimmi ilaallatuuti.
0 Comments