Walgayiin koree hojii raawwachiiftuu paartii Badhaadhinaa Adaamaatti gaggeeffamaa akka jiru odeeffannoowwan ba'an mul'isaa jiru.Odeeffannoon Intarneettiidhaan marmaartu akka mul'iftetti walgayichi ganama waajjira muummicha ministiraatti eegalamuudhaan kaleessa waaree booda ammoo Adaamaatti akka itti fufe himame.Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad miseensoota paartii Badhaadhinaa damee Amaaraa irraa walgayicha irratti hirmaachaa jiraniin 'wayita biyyi rakkoowwan gara garaa keessa jirtutti haala ta'uu hinqabneen deemaa jirtu' jechuun itti dubbatan jedha odeessaan.Garuu oduu kana iddoo walgayii irraa baasee kan itti hime eenyudha?moo akkuma barame oduu shiraati?Kunoo akka isaan itti waltumsaa jiran ilaalaa! Ormii sadarkaa kanaanillee walirra goree deema.Amma odeeffannoon kun akka ba'u maalif taasifame laata? jechuun xiinxaluun barbaachisaadha.Hawaasa Amaaraa kakaasaa jiru.Kana qalbeeffachuun gaariidha.
0 Comments