Finfinnee #Ethiopia Guraandhala 26,2015(YMN) Deeggarsa lammiilee hoongeen miidhamanif taasiifamu ilaalchisee yaadachiisa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname.
Guutuun yaadachiisaa haala armaan gadiin dhiyaateera.
Waamicha taasifame kanaan, namoonni dhuunfaa, dhaabbileen mootummaa, mit-mootummaafi hawaasni bal'aan karaa dinqisiisaa ta'een deebii hatattamaa kennuu jalqabee jira. Kanaafis, mootummaan galata guddaa galcha.
Haaluma kanaan, qabeenyiifi maallaqni walitti qabamaa jiru karaa qindaa'aa, si'ataafi haqa qabeessa ta'een hawaasa gargaarsa barbaadu bira akka dhaqqabuuf giddu galeessaan karaa jaarmiyaa aangoon hojii kana qindeessuu kennameef Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin hoogganuun akka barbaachisu beekamaadha.
Kanaafuu, namoonni dhuunfaa, gareen, dhaabbileen mootummaa, dhaabbileen daldalaa, waldaaleefi kkf maqaa ummata naannoo keenyaa sababa hongeen beelaaf saaxilamaniif qabeenyaafi maallaqa walitti qabdan, walitti qabaa jirtaniifi walitti qabuuf karoorfattan dabalatee maallaqa sassaabame karaa lakkoofsa baankiiwwan Buusaa Gonofaa Oromiyaatiin banamanii ifoomaniitti galchuudhaan nagahee ittiin galchitan/bank slip/, qabattanii Gurraandhala 27 hanga 28/2015 Waajjira Muummee Buusaa Gonofaa Oromiyaa magaalaa Finfinnee Saaris Warshaa Addis Gommaa fuulduratti argamutti akka galmooftan isin beeksifna.
Gaafa Roobii Gurraandhala 29 bara 2015 waaree dura sa'aa 4:00 irraa eegalee Waajjira Pirezidaantiitti bakka keessummoonniifi hooggantoonni ol'aanaan Naannichaa argamanitti sirni wal harkaa fuudhinsaa, beekkamtii kennuufi uummataaf ifoomsuu marsaa 1ffaa gaggeefamu irratti ragaa keessan qabattanii akka argamtan isin hubachiifna.
Odeefannoo dabalataaf lakkoofsa Bilbila 09 11 48 86 10'n qunnamuu kan danda’amu ta’uus ni ibsina.
Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
0 Comments