Bataskaana tawaahidoo ortodooks Itiyoophiyaatti koreen Sinodosii Oromiyaafi Sabaafi Sab-lammootaa tibbana mari'achuudhaan ibsa ejjennoo qabxiiwwan kudhanii ol qaban baaseera.
Ibsi ejjennoofi mariin koree kanaa Bitootessa 26 prime Tv irratti tamsa'eera.
Qabxiiwwan ibsa ejjennoo ba'an keessaa abbootiin amantaa abbaa Saawiroosfa'iin muudaman gara iddoo ramadaman dhaquudhaan akka tajaajilaniif kan gaafatudha.
Faallaa kanaatiin abbootiin amantaa Ortodooksii Itiyoophiyaa dhiyeenya kana abbootiin adda ba'anii turan xalayaa dhiifamaa galfachudhaan iddoo itti gaafatamaa kanaan duraatti akka deebi'an kan ifoomsan ta'uun nibeekama.
Miseensonni koree sinodosii Oromiyaafi sabaafi sab-lammootaa yaada quuqama ol'aanaadhaan kennaniin abbootiin amantaa walgayii Caamsaa Dhufu niadeemsifama jedhaniin namoota ofiif barbaadan muuduuf shiraan socho'aa jiru jedhaniiru.
Sabni keenya afaan beekuufi dudhaa qabutti fayyadame baruumsa amantaa akka hinbaranneef balaaleeffachuun faayidaan jalaa hafu akk jiru waan beekaniif akka ta'e himan.
Abbootiin amantaa kana dura muudaman iddoo ramadaman dhaquudhaan rakkatanii raafuullee ta'u nyaachuudhaan ummata isaanii tajaajiluufi ijoolleesaanii tiksuu qabu jedhan.
Koreen kun caasaa mana amantaatti fayyadamuudhaan mootummaa amma biyya bulchaa jiru fonqolchuuf sochii taasifamaa jiru akka balaaleeffatanis marii Bitootessa 24 bara 2015 taasise irratti himeera.
Dhimmi waldhabdee abbootii amantaa Ortodooksii Itiyoophiyaa kanaan dura marii araaraa manguddonni biyyaafi muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad itti himaatan irratti kallattiin fala waaraa kaawwamus dhimmichi gama lamaaniinuu ajandaa ta'uudhaan akka itti fufe nibeekama.
0 Comments