Ergaa Galataa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa



Finfinnee Bitootessa 24,2015(YMN) Bitootessa 24, guyyaa jijjiiramni karaa nagaa dhugoomee fi muudama Muummicha Ministiraa Kabajamoo Dr. Abiy Ahimad sababeeffachuun guyyaa har'aa guutuu Oromiyaatti hiriirri deeggarsaa seena qabeessa ta'een gaggeeffameera.
Hiriira kana irratti ummanni Oromoo miliyoonotaan lakkaa’amu gamtaan bahee addunyaadhaaf ergaa ciccimoo dabarseera.
Bilisummaa, wal-qixxummaa fi qabsoo haqaaf taasifame akkasumas aarsaa kaffalame yaadachuudhaan jijjiirama booda injiffannoowwan argamaniifis beekkamtii ol'aanaa kenneera.
Uummanni Oromoo hoggansa jijjiiramaa qabsoo sana hoogganee fiixaan baasee fi milkaa'inoota gurguddoo nuuf dhugoomse galateeffatee addatti immoo Ministira muummee keenya Dr. Abiyyi Ahmadiif kabaja, galataa fi jaalala qabu sagalee ol kaasee dhaggeesiseera.
Humnoota finxaaleyyii sirna karaa nagaatiin jijjiiramee fi imala badhaadhinaa irratti argamu karaa shiraa fi humnaatiin diiganii qaxxaamuraan aangoo qabachuu hawwan irratti hadheeffatee akka qabsaa'u ergaa cimaa dabarfateera.
Sirna dimokraasii ijaaramaa jirus akka qaroo ija isaatti akka tikfatuu fi galma gahiinsa isaatiifis gahee irraa eegamu akka bahatu mirkaneesseera.
Uummanni naannoo Oromiyaa guyyaa har'aa guutuu Oromiyaarraa baatanii deeggarsa sirna keessaniif qabdan ibsachuudhaan firaafis diinaafis ergaa ciccimoo dabarfattan galataa fi kabaja guddaa isiniif qabna.
Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, abbootiin gadaa, haadholiin siinqee, dargaggoonni, dubartoonni, qonnaan/horsiisee bultootni, jiraattotni magaalaa, hojjattootni mootummaa fi qaamoleen hawaasaa hiriira kanarratti hirmaattanii deeggarsa keessan ibsitan hundi galatoomaa, ulfaadhaa!
Qaamoleen nageenyaa, hoggantootni mootummaa, caasaaleen hanga gandaa jirtan, jaarmiyaaleen dargaggootaa fi dubartootaa akkasumas qaamoleen hiriira kana qindeessuu fi milkeessuu keessatti gahee keessan taphattan hundi baay'ee galatoomaa!
Imalli keenya dheeraa, galmi keenyas guddaadha!
Waliin imalla, waliin qaqqabna!
Irra deebiin Galatoomaa, Ulfaadhaa!
Fiqaaduu Tasammaa
I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa!


Post a Comment

0 Comments