Ergaa pirezidaant Shimallis Abdiisaa ayyaana Fichee Cambalalaa irratti dabarsan




Itoophiyaan ida’ama sabaafi sab-lammoota hundaa waan taateef, aadaafi duudhaan ummata hundaa kan Itoophiyaanota hundaati. Aadaa saboota, Sablammootaafi Ummattoota hundaa qaama eenyummaa biyyaalessaa keenya godhannee yoo kabajne, Itoophiyaa tokkummaa cimaa qabduufi gama hundaan badhaate uumuu ni dandeenya.

Ilaalchi ummata biyyattii hunda ija tokkoon laaluu dhabuufi duudhaa ummatootaa akka kan biyyaalessaatti fudhachuu dhabuu, tokkummaa keenya qofa osoo hin taane, guddina biyya keenyaas miidhaa ture. Jijjiiramaa as aadaa, afaan, amantiifi duudhaa ummattoota biyya keenyaa hundaaf kabajaan malu kennamuu eegaleera.
Ummattoota aadaa boonsaafi dudhaa nageenyaafi jaalalaa cimaa qaban keessaa tokko ummata Sidaamaati. Ummaanni Sidaamaa ummata dhaha ofii isaa qabu, ummata qabeenyaafi beekumsa cimaa qabudha. Ummanni Sidaamaa ummata Oromoo waliin hariiroo waliin jireenyaafi hawaasummaa guddaa kan qabudha. Oromoofi sidaamni ummata Obbolaadha.
Ayyaana Jijjiirra Bara haaraa Ummata Obbolaa keenya Sidaamaa, Ayyaana Fiichee Cambalaalaa bara 2015 guyyaa kaleessaa fi har’a kabajamaa ture irratti hirmaachuu kootiin gammachuu guddaa nutti dhagahame maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Jila kootiin ibsuun barbaada.
Ayyaanni Fiichee Ayyaana guddummaa Saba Sidaamaafi Falaasama Ummatichaa ibsu ta’uu isaarra darbee qabeenya guddaa biyya keenyaa waan ta'eef, Ayyaana kana kunuunsuun, guddisuuni fi beeksisuun gahee Ummata Sidaamaa qofa osoo hin taane, kan Oromoos, kan Sumaalees akkasumas Kan Ummattoota Itiyoophiyaa maraati.
Yeroo gaarii Magaalaa Hawaasaatti dabarsinetti kunuunsa obbolummaa nuuf taasisaniif Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamo, Hoggantoota Olaanoo naannichaa fi Ummata Sidaamaa mara maqaa Mootumma Naannoo Oromiyaatin nan galateeffadha.
Kan bara egereen nu haa gahu!
GALATOOMA!

Post a Comment

0 Comments