Finfinnee #Ethiopia Eebila 08,2015(YMN) Dhimma Faannoofi Shanee irratti hubannoo gabaa qabaachuudhaan humnoonni ummata dararan kun akka dhabamaniif hojjechuun murteessaadha.
Itiyoophiyaa keessaa gareewwan shoroorkeessitoonni kun dhabaman malee nagaan waaraa bu'uu akka hindandeenye hubachuudhaan mootummaan Itiyoophiyaa kutannoodhaan hojjechaa akka jiru mamii malee mul'iseera.Amma kan barbaadamu deeggarsa hawaasa hundaati.Barreeffama kanaan waa'ee shaneefi Faannoo irratti waan himamaa turen isiniif qooda.Dubbisaa!
Suuraan gubbaatti daawwattan kun kan Mirree Wadaajooti Maqaan isaa marreefi Mirree jedhamee waldahee waamama.Kamtu sirrii akka ta'e ani hinbeeku.Gurbaan kun tibbana carraaqqii manguddoonni naannoo Amaaraa taasisaniin harkasaa raayyaa ittisa Itiyoophiyaatti kennachuudhaan gara maatiitti deebi'uu akka barbaadu himeera.
Akka himamaa turetti Mirreen hoogganaa Faannoo Walloo Kaabaa ta'uudhaan socho'aa ture.Amma gorsa raayyaa ittisaa irraa fudhatetti fayyadamuun gara qayeesaatti deebi'uu akka barbaadu ifatti himeera.
Mirree Wadaajoo gorsa Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa fudhachuudhaan yaadasaa wayita ibsateetti 'Ofumaafin dhama'ee qaawwee baachuudhaan umuriikoo ballesse'jechuun dubbbateera.Suuraan gubbaatti daawwattan kun Mirree Wadaajoo qondaaltoota raayyaa ittisa Itiyoophiyaa irraa gorsa wayita fudhatu kan mul'isudha.
Caasaan Faannoo godina walloo kaabaa qofa utuu hintaane akkuma haala qabatamaa Naannoo Amaaraatiin iddoo hunda kan jirudha.Akka himamaa turetti Caasaan Faannoo yakkoota adda addaa raawwateera.Odeeffannon bal'aaniifi gahaan shuumiin Itaamaazyora waliigalaa Raayyaa Ittsa Itiyoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa qondaaltoota loltummaa caasaa hundumaatiif kennaniin dhugaa kana kan mirkaneessedha.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa akka mirkaneessanitti caasaan Faannoo miseensoota humna addaa Naannoo Amaaraa sababa olola humnoota finxaaleeyyii dhaga'uudhaan bittinnaa'an irratti miidhaa geessiseera.Faannoon miseenstoota humna addaa naannichaa bittinnaa'an irraa humnaan qawwee fudhateera,lubbuu isaaniis balleesseera.
Akka Fiild Maarshaal Birkaanuu Juulaa jedhanitti gochoonni suukaneessaan Faannoon raawwate hanga ammaatti akkamitti waliin jiraannee? kan nama jechisisudha.Tarii akkaataa humna kana ittiin ibsan rakkatanii ta'a malee Caasaan Faannoo yakkoota suukaneessaa hedduu raawwachuun midhaa geesssuu hinoolu.Odeeffannoowwan kanaan dura weebsaayitiiwwan hawaasummaa irra naanna'aa turan caasaan faannoo nama ajjeesee wayita abiddaan gubu mul'ateera.Akka itti himamutu rakkisaa ta'e malee kan jechuun barbaadame yakkoota kanaafi kanneen fakkaatan ta'uu danda'a.
Gareen finxaalessaan Oromoo Shanee jedhamuudhaan beekamus yakkoota sukaanessaa kanneen fakkaatan Naannoo Oromiyaa iddoowwan adda addaatti akka raawwate nibeekaama.Akkuma Naannoo Amaaraatti raawwatame Shaneen Oromiyaatti lubbuu namoota hedduu balleesseera,lammiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman qayee keessa jiraatan irraa akka baqatan taasiseera.Qaama namaa irratti laastikii ibiddaan qabsiisuudhaan cobseera.Kana malees yakkoota suukaneessaa himuuf nama rakkisu raawwateera.Abbaan warraa hidhamee utuu ilaaluu niitiifi ijoollee gudeedeera.Kana kan raawwate miseensoota shaneeti.Dhugaan kun kanaan dura yeroo adda adddaatti hmameera.
Maqaadhaan garuu saba Oromootiif qabsoofna jechuudhaan olola sobaa afarsu.'Maqaan keenya shanee miti, waraana bilisummaa Oromooti' jedhu.Saba Oromoo eenyu irraa akka bilisoomsan garuu hinbeekamu.
Faannoofi Shaneen waliif maalidha?
Pirezidaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsa kanaan dura dhimma finxaaleeyyii Amaaraafi Oromoo irratti kennaniin akka mirkaneessanitti finxaaleyyiin shaneefi Amaaraa sobuudhaan akka waan walbalaaleeffatan fakkeessuun socho'u malee qindoominaan hojjetu jedhaniiru.Lammiiwwan iddoo jireenyaa irraa akka buqaa'an kan taasisan karoora qindaa'uudhaan hojiirra oolchaniin akka ta'e eeran.Kanas gochoota shororkeessitummaa godinaalee wallaggaa keessatti raawwataniin akka hojiirra oolchan hubatameera.Shanaan kanaan dura wayyaanee wajjin qindaa'uudhaan akka hojjetu hmeera.Dhugaan kunis Shaneen Faannoo wajjns qindaa'uudhaan akka hojjetu kan mul'isudha.Qindoominni Finxaaleeyyii byya keessaaf biyya alaa abbooti Faannoof Shanee ammoo kana hojiirra oolchuuf kan gargaaru akka ta'e beekamaadha.
Hundumaafuu amma mootummaan kallattii xumuraa kaa'eera.Kallattiin nagaa mootummaadhaan kaa'ame fudhatama argatee yeroo muraasa keessatti hojiirra hin oolu taanaan tarkaanfiin duuba deebii hinqabne gareewwan shoroorkeessitoota kana irratti akka fudhatamu mootummaan mamii tokko malee himeera.
Shuumiin Itaamaazyora waliigalaa Raayyaa Ittsa Itiyoophiyaa Fiild Maarshaan Birhaanuu Juulaa ibsa kaleessa kennaniin ammaan booda naannoleen caaseffama humna addaa qabaachuu hindanda'an.Faannoofi Shaneenis waamicha nagaa mootummaan dhiyeesse fudhachuudhaan hatattamaan karaa nagaatti deebi'uu qabu.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa akka mirkaneessanitti Raayyaan ittisa Itiyoophiyaa ammaan booda Faannoofi Shanee seeraan ala socho'an balleessuu irratti xiyyeeffachuudhaan kan hojjetu ta'a.Shaneen yeroo ammaa bosona gammoojjii keessa dhokachuudhaan luuxaa jirti.Waraanni riphxee loltummaas kan milkaa'uufii hindandeenye akka ta'edha kan himame.
Ummata irraa maaltu eegama
Ummanni bal'aan nagaadhaan ba'ee galuu barbaada.hojjetee carraaqqatee buluu fedha.Rakkoo diinagdee keessaa ba'uuf kutannoodhaan hojjetee jijjiramuu barbaada.Fedhiin ummataa kun galma ga'uu kan danda'u nagaan amansiisaan yoo jiraatedha.Amma mootummaan hoj-manee itti baay'atee ture keessaa ba'uudhaan nagaan amansiisaan akka jiraatuuf kan hojjetu akka ta'e mirkaneesseera.Kanaaf ummanni qindoominasaa caasaa nagaa mootummaa wajjin qabu daran jabeessuu qaba.
Caasaan nagaa ammaan booda jiraatu raayyaa ittisaa Itiyoophiyaa,Poolisii Federaalaa.poolisii Naannoofi Minishaa naannoo qofa akka ta'e beekuudhaan humnoota nagaafi tasgabbii kanneen qofa wajjin walta'uumsa barame taasisuun dirqama hawaasa hunda irraa eegamudha.Fayyaa ta'aa!



0 Comments