Haati warraa Zarihuun Wadaajoo dhugaa himan




Finfinnee, Eebla 19, 2015 (YMN)- Oromoo addaa facaatutu na dhukkubsa; walhinqoodina jechuun Artisti Zarihuun Wadaajoo dhaamachuu Haati warraa isaa Aadde Olaantuu Gammachuu dubbataan .
Haati warraa Zarihuun Wadaajoo, sirni awwaalchaa irratti akka jedhanitti “Dhaloonni ati guddifte awwaala kee siif bareechaa jira”.
“Duris ragaan siif bahaa, ati goota; goota kutataa onnee sibiilaati” jechuun ibsan.
“Dhaamsi inni isiniif dhaame, Oromoon kutaa fi amantaan wal hinhirinaa; waliif galaa; biyya keessan guddisaa” jechuun isiniif dhaameera jedhan.
"Oromoo addaa faca’uutu na dhukkubsa walhinqoodinaa" jedheeras jedhan.
Deeggarsaa yeroo dhukkuba isaatti, yeroo rakkinaatti cinaa isaanii ta'uun ummataa fi qaamolee deeggarsaa taasisan galateeffataniiru.
Kayyoon isaa galmaa akka ga’uufis maqaa isaatiin waanti hunduu hojjetamuu akka qabuu Aadde Olaantuun gaafataniiru.
Artistoonni Oromoo faana isaa hordofanis ciminaan kaayyoo isaa akka galmaan ga’an dhaamaniiru.

Post a Comment

0 Comments