Finfinnee Eebla 7,2015(YMN) Har’a irraa eegalee gurmaa’iinsi addaa jedhamu kan hin jirre ta’uu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan ibsaniiru
Humnoonni addaa naannolee irra deebiin gurmaa’uun dhaabbata cimaa sab-daneessa ijaaruuf kan gargaaru ta’uu Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan waltajjichaan ibsaniiru.
Ityoophiyaan rakkoo nageenyaa keessaa saffisaan bahuu eeruun, mariin nageenyaa Piriitooriyaa haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuu addeessaniiru.
Gurmaa’iinsi humna addaa naannolee ture seera qabeessa ta’uu dhabuun, naannolee gidduutti akka yaaddootti ilaalamuun akkasumas rakkoolee humnaan hiikuuf sochiin taasifamu gurmaa’iinsichi akka jijjiiramuuf dirqisiisuu eeraniiru.
Caasaan nageenyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaafi Poolisii naannoo ta’uu ibsuun, maqaa humna addaa naannootiin humni ergamas ta’e dirqama fudhatu kan hin jiraanne ta’uu addeessaniiru.
Kanaan booda bu’uura gurmaa’iinsa filataniin hojiin gara ramadamanitti geejjibsiisuufi leenjiitti galchuu kan hojjetamu ta’uu ibsuusaanii tajaajilli oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.

0 Comments