Hidha Keenya irratti abdii guutuu qabna!

  

 



Finfinnee #Ethiopia Eebila 10,2015(YMN) Dhimmi Hidha guddicha haaromsa Itiyoophiyaa yeroo kamiyyuu yoo ka’u haaraadha.Hojiin guutiinsa bishaanii hidha haaromsaa barana marsaa afraffaaf kan raawwatamudha.Marsaa 1ffaa irraa eegalee hidhi Abbayyaa bishaan guutamuu hinqabu jechuun iyyaa,caraanaa kan turte Gibtsi akkuma barame baranas iyyaafi waca ittiin beekamtu dhageessisuu jalqabdee jiri.

Guutiinsa marsaa 4ffaa barana raawwatamu booda waan iyyitu natti hinfakkaatu.Sababa ittiin iyyitu dhabuudhaan iyya waggaa waggaadhaan dhageessiftu dhaabuudhaaf dirqamti.Tibbana baatiin gannaa dhiyaachaa waan jiruuf dhimma ijaarsa hidha guddichaa irratti komii barame dhageessisuun kan beekmtu Gibtsi iyyaa akka jirtu hubatameera.

Gibtsi waggaa waggaadhaan iyyuudhaan ala hojiin guutiinsa bishaanii akka dhaabbatu taasisuu hindandeenye.Baranas humna hojii guutiinsa marsaa 4ffaa dhaabsisuu ittiin dandeessu akka hinqabne beekamaadha.

Hojiin guutiinsa hidhaa hanga ammaatti waggaa waggaadhaan raawwatame miidhaan biyyaalee yaa’a gara gadiirratti geessise hinjiru.Gibtsis akkuma biyyaalee kanneen biroo Itiyoophiyaan hidha Abbayyaatti bishaan waan guutteef hinmiidhamne.Hammentaan bishaanii argachaa turtes jalaa hinhir’anne.Faayidaan diinagdee bishaan Abbayyaa irraa argachaa turtes akka jalaa hindhaabbanne beekamaadha.

Akkuma Gibtsi jechaa jirtu sababa guutiinsa bishaaniitiin miidhaan gahe utuu jiraatee hawaasni idil addunyaatuu hincallisu ture.Hawaasni idil addunyaa dhugaa qabatamaan jiru waan hubateef miidhaan Itiyoophiyaan hanga ammaatti mootummaafi ummata Gibtsi irratti geessifte akka hinjirre waan beekuuf callisa filachuun waca Gibtsi yeroo adda addaatti dhageessisaa jirtu quba utuu qabuu itti fufiinsaan calliseera.

Itiyoophiyaan hidha kana kan ijaarrachaa jirtu hiyyummaa keessaa ba’uuf haala jireenya lammiiwwanii fooyyessuuf ta’uun utuu beekamuu mootummaan Gibtsiifi diinoonni kanneen biroo dhimma ijaarsa hidha Abbayyaa irratti komii bu’uura hinqabne kan dhageessisan Itiyoophiyaan hiyyummaa keessaa aka hinbaaneef fedhii ol’aanaa waggoota hedduuf bu’uura gadi fageeffate ture waan qabaniifidha.

Kanaan dura Hidhi Abbayyaa akka hinijaaramneef deeggarsi maallaqaa dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa irraa akka hinkennamneef shiroota adda addaa qindeessuudhaan dhorkisiisaa turan.Haala qabatamaa waggoota dhiyoodhaa asitti jijjiirameen shiran baran kana hojiirra oolfachuu hindandeenye.

Hirmaannaa ummattoonni Itiyoophiyaa kutannoodhaan taasisaa jiran dhaabsisuu waan hindandeenyeef sababoota kanneen biroo fudhatama hinqabne tarreessuudhaan ijaarsa hidha Abbayyaa mormaa turan.Ammas carrqqii ijaarsi hidhaa akka xumuramuuf taasifamaa jiru haalli dhaabsisuu ittiin danda’an waan hinjirreef guutiinsi marsaa afraffaa akka hinraawwatamneef sababa fudhatama nuuf argata jedhan uumuudhaan wixiffachaa jiru.

Ijaarsi hidha Abbayyaa amma dhibbentaan 91 ol raawwatameera.Kan hafe heddu muraasadha.Kun ammoo yeroo waggaa tokkoofi walakkaa qofatti kan xumuramu ta’a.Hidhi Abbayyaa sadarkaa muraasaan tajaajila elektiriikaa kennaa jira.Guutummaatti yoo xummuramu ammoo faayidaan guutuu Itiyoophiyaatti argamsiisuu danda’u ol’aanaadha.

Akkuma yeroo ijaarsaatti lammiiwwan kumaatamaan lakkaa’amaniif carraa hojii argamsisie erga xumuramee boodas carraan hojii bal’aan lammiiwwaniif akka uumamuuf shoora ol’aanaa kan gumaachu akka ta’e beekamaadha.Kanaaf doorsisa Gibtsi waggaa waggaadhaan dhageessiftu gurri dhaga’u hinjiru.Gibtsi akkuma barte sababa adda addaa uumuudhaan haaiyyitu,barbaaddu lafarra gangalachaa olltee haabultu,dhimma keenya miti.

Post a Comment

0 Comments