Finfinnee #Ethiopia Eebla 6, 2015 (YMN) Ayyaanonni Fannoo fi Faasikaa karaa nagaan akka kabajamu qophiin barbaachisu taasifamuun hojiitti galamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa beeksiseera
Ayyaanota kanneen sababeeffachuun rakkoo nageenyaa fi balaawwan tiraafikaa akka hin mudanne dhaabbileen nageenyaa karaa guutuu ta'een gara hojiitti galuu ibseera.
Yaa'insi nageenya Tiraafikaa nagaa ta'a akka jiraatuuf hordoffii fi to'annoo cimaan gaggeeffamaa jiraachuu eereera.
Hawaasni wayita naannawaa isaatti wantoota sodaa nageenyaaf shakkisiusoo ta'an arge sararoota bilbilaa armaan gadiin eeruu laachuu akka qabu himeera.
011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77Ayyaa, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 akkasumas sararoota bilisaa 987፣ 991 fi 816 eeruu akka kennuuf waamicha dhiyeesseera.
0 Comments