Ibsa gaddaa pirezidaant Shimallis Abdiisaa dabarsan

 


Artist Zarihun Wadaajoo du’aan addunyaa kanarraa darbus Ashaaraan isaa bara baraan jiraata!

Du’aan addunyaa kanarraa boqochuun artistii keenya gameessa Zarihun Wadaajoon gaddi guddaan kan natti dhaga'ame ta’us artist Zarihun Wadaajoo nama uummata isaaf hojii bara baraan dhalootaaf darbu hojjete waan ta’eef hojiifi maqaan isaa bara baraan dhalootaan yaadatamaa jiraata.
Artiin wantoota ittiin uummata dammaqsan, tokkummaa uummataa jabeessan, jaalala biyyaa cimsan keessaa isa ijoodha. Artistoonni ammoo namoota kennaa artii uumaan isaan badhaaseefi dandeettii qabanitti fayyadamuun akka dungootti ifuun uummata isaanii daandii sirrii agarsiisan, qabsaa’anii qabseessisan, walumaagalatti ogummaa uummataafi biyya ittiin tajaajilanidha.
Artist Zarihun Wadaajoo artistii gameessaafi jaalatamaa sagalee kiloolee uumaan isa badhaaseen bara dargaggummaa isaa irraa eegalee artiin Oromoo akka guddatu, uummata Oromoo dammaqsuun tokkummaafi sabboonummaan isaa akka jabaatuufi gabbatu taasisan keessaa tokkodha. Artist Zarihun Wadaajoo yeroo haalli akka har’aa hin mijannetti jaalala artii Oromoofi uummata isaaf qabu irraa ka’uun artiin Oromoo akka dagaaguufi tokkummaan Oromoo akka jabaatu aarsaa guddaa kaffaluun gahee isaa bahachaa tureera. Artist Zarihun nama kennaafi ogummaa Rabbi uumamaan badhaasetti fayyadamuun uummata isaa tajaajiledha.
Artist Zarihun umurii ijoollummaa isaa irraa eegalee nama artiif amanamee artiif jiraate waan ta’eef hojiin inni hojjete bara baraan dhalootaa dhalootatti kan darbuufi dhaloonni akka daawwitiitti keessatti kan of ilaaludha. Zarihun nama jaalala uummataa cimaa qabuufi dhaloota artiin walitti hidheefi walbarsiisedha. Hojii isaa kanaanis nama hojii artii Oromoofi Itoophiyaa irratti ashaaraa jabaa kaa’ee darbe waan ta’eef yeroo kamiyyuu laphee uummata Oromoo fi Itoophiyaa keessatti yaadatamaafi jaalatamaa jiraata.
Artist Zarihun nama artistoota Oromoo har’aaf fakkeenya guddaa ta’uun artistoonni Oromoo kumaatamaan akka horataman warra daandii saaqe keessaa tokkodha. Kanaaf, Artist Zarihun ofii seenaa yoomiyyuu hin dabarre hojjetee darbus dhaloota hojii inni eegale itti fufsiisan hedduu horeera. Kanas sirba isaa “An hin du'uu; dhalootan guddisaa; ..” jedhuun kan ibse Zarihun dhugumattuu onnee isaa abidda sanaan dhaloota qabsaa'ee injifachuu danda’u; injifatees injifannoo isaa eeggachuu danda’u oomisheera.
Tokkummaan icciitii injifannoofi qoqqoodamuun daandii kufaatiifi injifatamuu ta’uu sirboota isaa ergaa jajjaboo of keessaa qabaniin “An ilma kutaa miti; kutaan nan waaminaa…” jechuun kan dhaame Artist Zarihun nama jabaa yoomiyyuu sammuu uummata Oromoo keessaa baduu hin dandeenyedha.
Duuti hiree dhala namaa ta’us yeroo uummanni Oromoofi Oromiyaan isa barbaaddutti Artist gameessaafi jaalatamaa kana of biraa dhabuun kan nu gaddisiisu ta’uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsuu barbaada.
Jaalala artii Oromoo, hojii tokkummaa uummataa jabeessuu artist Zarihun eegale uummanni Oromoo cimsee kan itti fufsiisu yoo ta’u Mootummaan Naannoo Oromiyaas aartiin Oromoo akka guddatu kaayyoon Artist Zarihuniifi waahillan isaa eegalan galma akka ga’uuf ni hojjeta.
Du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Artist keenya jaalatamaa Zarihun Wadaajootiin gadda guddaa natti dhaga’ame ibsaa maatiiwwan, firoottan, uummata Oromoo maraafi dinqisiifattoota Artist Zarihuniif maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaan jajjabinan hawwa.
Eebla, 2015
Finfinnee

Post a Comment

0 Comments