Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 29, 2015 (YMN) Maqaa Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fayyadamuun sanada sobaa qopheessuu fi seeraan ala Waldaa raabsitootaa Simintoo hundeessuun miidhaa Birrii miiliyoona 29 kan geessisan himatamtoonni 8 hidhaa cimaa fi maallaqaan akka adabamaniif murtaa’eera.
Murteen adabbii kan irratti darbe ogeessa Tikaa Naannoo Oromiyaa kan ta’e Addisuu Angaasaa Dheerechaa,Obboleessa himatamaa 1ffaa kan ta’e Taaddala Angaasaa Dheerechaa, Ittaanaa Hogganaa duraanii Biiroo Daldalaa Oromiyaa Warquu Caalaa, Miiliyoon Tolasaa, Katamaa Guutuu, Hojjettuu Faayinaansii Bulchiinsa Magaalaa Holataa Aadde Gannat Taaddasa, hojjettoota Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Damee Baarneroo kan ta’an Iyyerusaalam Geetaahunii fi Kaasaahuun Kumsaa ta’uun eerameera.
Himatamtoonni kunneen aangoo qabanitti seeraan alaa fayyadamuun yakka malaanmalummaa cimaan himatamaniiru.
Keessumattuu himannaa kanaan himataamaa 1ffaan miseensa dhaabbata Tikaaa Oromiyaa ta’uun akka hojjetu utuu beekamuu hojjettoota Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Damee Baarneroo waliin ta’uun maqaa ‘Milkii Waldaa Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan Isaa Murtaa’ee’ jedhuun sanada sobaa fayyadamuun herrega baankii banuun saamicha Birrii miiliyoona 12 fi kuma 800fi kuma 43 fi 700 raawwachuun ibsameera.
Himannaan biraan ogeessa nageenyaa Oromiyaa kan ture Addisuu Angaasaa Dheerechaa qofarratti kan dhiyaate yoo ta’u, himatamaan kun eenyummaa isaa dhoksuun maqaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fayyadamuu fi obboleessa isaaniiti jechuun sanada sobaa qopheessuun Magaalaa Burraayyuutii lafa invastimantii isiniif kennisiisa jechuun gowwoomsuun, abbaa qabeenyaa dhuunfaarraa Birri miiliyoona 2 fi kuma 60 dursee fudhachuun, yakka waliin dhahuu raawwachuun himannaan irratti dhiyaateera.
Manni Murtee yaada abbaa alaangaa bu’uureffachuun Addisuu Angaasaa hidhaa cimaa waggaa 20 fi birrii kuma 200’n, Taaddalaa Angaasaa hidhaa cimaa waggaa 12 fi Birrii kuma 20’n
Warquu Caalaa hidhaa cimaa waggaa 5 fi Birrii Kuma 10 fi himatamtoonni biroon hidhaa salphaa waggaa 1 fi baatii 2 fi Birrii kuma 3 hanga kuma 5 akka adabaman murteesseera.
Omishi Simmintoo kuntaalaa kuma 8 fi Birrii kuma 500fi kuma 65 harka himatamtootaarratti argamus akka dhaalamuuf ajajeera.
Maddi:FBC Afaan Oromoo
0 Comments