'Miseensonni shanee kumaatamaan lakkaa'aman jiddu gala haaromsaa galaa jiru'-Mootummaa





Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 29,2015(YMN) Hidhattoonni shanee kumaatamaan lakkaa'aman haala mijaa'etti fayyadamuudhaan jiddu galawwan haaromsaatti galaa akka jiran Mootummaan Itiyoophiyaa beeksiseera.

Ministir deetaan tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Salaamaawiit Kaasaa dhimmoota wayitaawaa biyyaa irratti har'a tamsaasa kallattiitiin ibsa kennaniiru.Dhimmoota itti xiyyeeffatanii kaasan keessaa tokko dhimma shanee yoo ta'u miseensonni Shanee kuma hedduun lakkaa'aman waamicha nagaa mootummaan dhiyessetti fayyadamuudhaan gara jiddu galawwan haaromsaatti galaa jiru jedhan.

Mootummaan Federaalaas ta'e bulchiinsi mootummaa Naannoo Oromiyaa shaneen karaa nagaatti akka deebi'uuf kanaan dura irra deeddeebiidhaan waamicha akka dhiyeessaniifi dhiyeenya kanas waamichi walfakkaataan akka taasifame nibeekama.

Haata'uutii qaamonni nuti hooggansa shaneeti jedhan odeeffannoo biyya alaa irraa miidiyaawwan akka BBC'f kennaniin mootummaa wajjin kan mari'annu qaamni sadaffaan idil addunyaa jidduu yoo gale qofaadha jechuudhaan shakkii mootummaa irratti qaban sababoota tarreessuudhaan himaa turan.

Ummanni Oromoo nagaa barbaada waan ta'eef karaa nagaatti deebi'uun barbaachisaafi murteessaa akka ta'e tibbana himamaa jira.Abbootiin Gadaa Oromoo manguddoonni biyyaafi namoonni beekamoon yaada kennaniin waamicha nagaa mootummaan Shaneef dhiyeesse akka deeggaraniifi kunis yeroo utuu hinkennin hatattamaan waan hojiirra oolu qabu akka ta'e hubachiisaniiru.

Muummichi ministiraa Itiyoophiyaa Dr.Abiy Ahmad rurtii tibbana miseensoota mana marii bakka bu'oota ummataa wajjin taasisan irratti gaaffii dhimma shanee irratti dhiyaateef deebiifi ibsa kennaniin shanee wajin marii nagaa taasisuuf yeroo kudhan caalaa yaaliin akka taasifame himanis hooggantoonni shanee kun soba jedhanii himaniiru.

Dr.Abiy Shaneen faca'uudhaan bakka gara garaa kan jiruufi hooggansa tokko kan qabu waan hintaaneef marii nagaa taasisuun haala rakkisaa akka uumes dubbataniiru.

Adde Salaamaawiit ibsa kennan kanaan haala qabatamaa amma jiruun godina Wallagga lixaafi Horroo Guduruu wallaggaan alatti iddoowwan kanneen biroo kanaan dura shaneedhaan qabamanii turan bilisa ba'uudhaan caasaan bulchiinsaa diriirfamee hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Gareewwan hidhattoonni gara garaa waamicha nagaatiif dursa kennuun gara jireenya nagaatti deebi'aa akka jiraniifi mootummaan filmaata nagaatiif balbalasaa akka hin cufne dubbatan.

Adde Salaamaawiit Kaasaa ibsa kennaniin dhimma hidhannoo hiikkachuu humnoota addaa Naannolees bal'inaan kaasaniiru.Hojichi kallattii mootummaan kaa'een kan raawwatamuufi kunis waliigaltee guutuudhaan kan hojiirra oolaa jiru ta'uu himaniiru.Qaamoleen sadarkaa sadarkaadhaan dhimmi isaan ilaallatu irratti mari'achuudhaan kan waliigalan akka ta'e himan.

Hojiin humna addaa hidhannoo hiiksisuu kun mariifi waliigalteedhaan kan raawwatamaa jiru akka ta'e mootummaan hubachiisuu barbaadas jedhan,adde Salaamaawiit.

Iddoowwan tokko tokkotti sababa odeeffannoo gahaa dhabuutiiniifi kaayyoo humna addaa irraa hidhannoo hiiksisuu wallaaluudhaan hanqnoonni akka mudatanis eeran.

Ololli humnoonni gara garaa dhimma kana irratti faallaa deemuudhaan afarsaa jiran dogongora akka ta'eefi dhimmichi hidhannoo hiikkachiisuu wajjin kan walqabatu akka hintaanes himaniiru.Olola humnoota gara garaatiin afarfamu ittisuun kan danda'amu odeeffannoo sirrii kennuun waan ta'eef miidiyaawwan kana irratti hojjechuu qabu jechuunis dhaaman.


Miseensoota humna addaa naannoowwan hundumaatiif filannoon sadi kennameera jedhan.Kanneenis

1.Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatti makamuu

2.Naannuma jiranitti miseensa poolisii ta'uufi

3.Hawaasa siiviiliitti makamuun jiraachuu akka ta'e eeran.

Carraa kanaan miseensa Raayyaa Ittisaa ta'uu danda'uun akka waan addaatti ilaalamuu akka qabuufi miseensa raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa ta'uu danda'uun carrooma hinargamne akka ta'e dubbatan.

Dhimma TPLF wajjin walqabatee akkaataa waliigaltee Nagaa piriitooriyaatiin guutummaatti meeshaa waraanaa kan hiikkatu akka ta'eefi kunis mamii malee akka waliigalteen mallatteeffame ajajutti kan raawwatamaa jiru akka ta'es human.

Iddoowwan rakkoo tasgabbii qabu jedhamnii yaadamanitti nagaan akka hinboorofnee jecha raayyaan ittisaa waan bobba'eef wanti nama yaaddessu gonkumaa akka hin jirre hubatamuu akka qabullee dhaaman.

Hawaasni miidiyaawwan odeeffannoowwan sobaa tamsaasan irraa of eeguu akka qabuufi odeeffannoo sobaa isaan tamsaasaniin hawaasnis ta'e humnoonni tasgabbii burjaaja'uu hinqaban jedhan.

Kun kanaan utuu jiruu lammiiwwan biyya alaa 45fi lammiiwwan Itiyoophiyaa shan iddoo omisha albuuda Warqeetti seeraan ala argaman too'annoo jala oolfamuudhaan qoratamaa akka jiranis adde Salamaawiit beeksisaniiru.

Gochi kun sochii koontiroobaandiifi sochii hidhattootaa seeraan ala turetti fayyadamuudhaan kan uumame akka ta'eefi gochoota seeraan alaa kana too'achuuf qaamoleen hawaasaa gara garaa odeeffannoofi eeruu kennuudhaan tumsa taasisaniif mootummaan akka galateeffates himan.

Hawaasni ammaan boodas akkuma kanaan duraa gochoota seeraan alaa yeroo argutti odeeffannoofi eeruu akka kennuuf adde Salamaawiit gaafataniru.

Hojiiwwan omisha qonnaa wajjin walqabatee haala qabatamaa biyya keessa jiru kaasuudhaan omishitummaa damee qonnaa dabaluuf dhimma dhiyeessi guddistoota omishaatiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru dubbatan.Hanga ammaattis Xaa'oon biyyee kuntaalli miliyoonni 1fi kumni 800 qannaan bultootaaf akka raabsame beeksisaniiru.

Roobni amma roobaa jiru omisha Qamadii ga'e irratti miidhaa geessisuu waan danda'uuf hawaasni walta'uumsaan omisha ga'e akka walitti qabuufis dhaamasasaanii dabarsaniiru.




Post a Comment

0 Comments