Muummichi ministiraa jiraattoota godinaalee Wallaggaa wajjin mari'atan

 


Finfinnee #Ethiopia Eebila 11,2015(YMN) Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad har'a bakka bu'oota jiraattoota godinaalee wallaggaa wajjin magaalaa Naqamteetti mari'ataniiru.

Waltajjii marii bakka bu'oota hawaasaa wajjin taa'ame kana irratti Abbootii Gadaa Haadholiin Siinqee manguddoonni biyyaafi  bakka bu'oonni jiratatoota godina Wallagga bahaa,Wallagga lixaa,Qeellama Wallaaggaafi Horroo Guduruu wallaggaa akka irratti hirmaatan hubatameera.

Af'yaa'iin mana marii bakka bu'oota ummataa Obbo Taaggasa Caafoo dabalatee Pirezidaantoonni Oromiyaafi qondaaltoonni ol'aanaan Naannoo Oromiyaa waltajjii marii kanarratti akka argaman beekameera.

Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad waltajjii marii Naqamtee kana irratti 'Nageenya mirkaneessuun uummanni keenya gara misoomaatti akka deebi’uuf itti gaafatamummaa waloo qabna' jechuun dhaamaniiru.


Nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef, nageenya malee waa’een misoomaa hin yaadamu jedhan.

Nageenya waaraa mirkaneessuun uummanni keenya fuula isaa gara misoomaatti akka deebifatuuf itti gaafatamamummaa waloo qabnas jedhaniiru.Dr.Abiy.
Gabaasi OBN akka mul'isetti muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad turtiifi mariin Naqamteetti taasiseef uummata nan galateeffadha jedhaniiru.
Bakka bu'oonni hawaasa godinaalee wallaggaa kun marii muummicha wajjin wajjin taasisan kana irratti gaaffiiwwan gara garaa akka kaasan beekameera.Gaaffileefi yaadoota ka'aniif deebii muummichi ministira kennan boodarra bal'inaan kan dhageenyu ta'a.
Ummanni godinaalee wallaggaa waggoota jijjiiramaa kana keessatti dararama guddaa keessa jiraachuuf dirqamuudhaan har'a ga'e.Har'a muummichi minstiraa Dr.Abiy Ahmad bakka bu'oota hawaasaa wajjin mari'achuu danda'uun isaanii injifannoo guddaadha.Malaafi tooftaadhaan imaluutu bu'aa qabatamaa kana argamsiisuu danda'e.Akka fedhii kasaartota siyaasaatti utuu ta'e sadarkaa kanarra ga'uun waan danada'amu miti.
Daldaaltoonni siyaasaa ummanni godinaalee wallaggaa afranii jireenya gadadoo keessa akka turuuf baay'ee carraaqaniiru.Dhuma irratti garuu kutannoo ummanni bal'aan mul'iseefi carraaqqii hooggansi jijjiiramaa taassieen bu'aan amma mul'achaa jiru galmeeffamuu danda'eera.
Gareen shororkeessaan Shanee jedhamuun waamamu maqaa Ummata Oromoo waamaa ummanni Oromoo akka miidhamu taasise.Ammallee gocha kana irraa dhaabbachuu waan dadhabeef adabamaa jira.Gara suudaaniifi gammijjii Abayyaa keessa akka dhokatanis himamaa jira.Guutummaatti dhabamsiifamuun isaanii waan hinoolle akka ta'e amma hubatameera.Ijoolleen Oromoo burjaajeeffamanii garee shoroorkeessaa kanatti makaman haala mijaawaa argatan hundatti fayyadamuudhaan gara jireenya nagaatti deebi'aa akka jiran nibeekama.
Ammaan booda wanti yaaddessaan jiraachuu hundanda'u.Ummanni mootummaa maddii hiriiruudhaan diina isa miidhuuf itti dhufu ofirraa qolata.Humni Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa akka daran jabaatu taasifamuun isaa ammoo kanaaf fala amansiisaadha.
Lammiiwwan keenya godinaalee wallaggaa keessatti sababa gochoota finxaaleeyyiitiin miidhama ol'aanaadhaaf saaxilamuudhaan turtan dararama keessaa ba'uudhaan baga carraa kanaaf geessan! Rakkoon isin mudate kan dagatamu ta'uu baatus godaannisa hindagatamne uumus fuuldurri keessan abdachiisaa ta'eera.Fayyaa ta'a!

Post a Comment

0 Comments