Finfinnee #Ethiopia Eebila 13,2015(YMN) Obbo Addisuu Araggaa gorsaa muummicha ministiraati.Dhiyeenya kana barreeffamoota dhimma gocha sanyii balleessuu waggootaan dura raawwatameefi sochii finxaaleeyyiin biyya keenyaa taasisaa jiran qeequ waan baasanif finxaaleeyyiin biyya keessaafi biyya alaatti argaman heddu balaaleefachaanii turan.
Ergaan barreeffamoota saniin Obbo Addisuun dabarsan of eeggannoon akka taasifamuufi finxaaleeyyiin daandii jeeqamsaa filatan gocha badiirraa akka of qusataniif baruumsa kan kennudha malee waan biraa akka hinqabne beekamaadha.Finxaaleeyyiin garuu obbo Addisuun haqa waan humaniif itti duulaa turan.Kun amaluma isaanii ittiin beekamanidha.
Obbo Addisuu Araggaa ayyaana Iid-alfixir har'a kabajamaa jiru sababeeffachuun ergaa halkan edaa karaa weeb saayitii hawaasummaa isaaniin dabarsaniin oduu aagaa himan.Hidhattoonni karaa nagaatti deebi'uuf mariirra akka jiran himan.Qabiyyee ergaa guutuu isaanii dubbisaa
Rabbiin kadhata keessan dhagaheera ; Waamicha kadhataafi yaad-qalbii keessan irraa fagoo hin jiru. Balballi samii kadhata keessaniin banamaa jira. Rabbiin bokkaa roobsee, dachee magarsee, lubbu-qabeeyyiif soora gahaa kenneera; Horii beelaafi dheebuu baaseera.
0 Comments