'Obboleessa keenya Girmaa Yeshixilaa nujalaa galaafataniiru'




Finfinnee #Ethiopia Eebila 19,2015(YMN) Obbo Girmaa Yeshixilaa hoogganaa waajjira Baadhaadhinaa damee Naannoo Amaaraati.Har'a haleellaa finxaaleeyyiin yaada hinqabne aggaamaniin ajjeefamaniiru.Hedduu nama gaddisiisa.

Finxaaleeyyiin yaada hinqabne,Ofiif yaada waan hinqabneef hooggansa yaada qabu adamusuudhaan ajjeesu.Gocha suukaneessaa kana kanaan dura raawwataniiru.Ammas dabalaniiru.gocha ajjeechaa obbo Girmaa Yeshixilaa irratti raawwatame ilaalchisuudhaan muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad ergaa gaddaa dabarsaniiru.

Dr/Abiy 'Qaamoleen yaada mo'ataa hin qabne Obbo Girmaa Yeshiixilaa nu jalaa galaafataniiru" jechuun daqiiqaawwan muraasaan dura karaa weebsaayitii hawaasummaa isaaniitiin himan

Yaada yaadaan mo'uu warri dadhaban obboleessa keenya Girmaa Yeshiixilaa galaaftaniiru jedhan, Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad.

Bara Gara garummaa karaa qaroomina qabuun hiikuun danda’amutti yaadaan kan nu morme hunda afaan qawweetiin amansiisuuf ka’uun fiixee finxaalessummaa akka ta'e himan.

Iddoo dhalatanii guddatanitti yaada nurraa gargar ta’e qabda jechuun kanneen amanan fixaaleyyiin jeequmsa hojii godhatan hojii jibbisiisaafi gara jabeenyaa akka raawwatan himan.
Kunis finxaaleessummaa yeroon qabnee dhabmsiisuu yoo baanne gara lubbuu fixuutti akka nu geessu agarsiiftuu dha,jedhan.
Muummichi ministieaa Dr Abiyyi 'lubbuun kee Nagaan haa boqottu' jechuun karaa toora miidiyaa hawaasaasaaniin ergaa dabarsaniin.

Post a Comment

0 Comments