Finfinnee #Ethiopia Eebla 7,2015(YMN) Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa miseensa Boordii Daayrektarootaa Giloobaal Seekuriitii ta’uun filatamuun ibsameera.
Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Janaraal Dammallaash Gabramikaa’eliin haasawaa fooramicharratti taasisaniin, guddinni teekinooloojii walitti hidhamiinsa idil addunyaa uumuurra darbee carraalee gaggaariifi rakkoolee kan qaban ta’uu eeruun, yakkoota qindaa’oo daangaa ce’an ittisuun kan danda’amu waloon hojjechuun ta’uu ibsaniiru.
Ityoophiyaan sadarkaa Afrikaa, Gaanfa Afrikaafi idil addunyaatti nageenya uummataa cimsuuf shoora olaanaa ba’achaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame mul'iseera.
0 Comments