Finfinnee #Ethiopia Bitootessa 28,2015(YMN) Barreeffama kutaa
3ffaa darbe irratti bal’inaan akkan kaasetti Magaalaa Finfinnee dirree
jeequmsaa taasisuun tarsiimoo ykn.mala finxaaleeyyiin mootummaa jijjiiramaa
fonqolchuuf itti fayyadamaa jiranidha.Tarsiimoon itti aanu maalidha?
Duula jibbiinsaa taasisuun tarsiimoo afraffaa finxaaleeyyiin
mootummaa fonqolchuuf nugargaara jedhanii itti fayyadamaa jiranidha.Jibbiinsa
labsuu qofa utuu hintaane maqaa balleessuunis tarsiimoo jibbiinsaa kana keessa
kan jirudha.Dubbisaa!
Tarsiimoo
4:Duula jibbiinsaafi maqaa balleessuu taasisuu
Finxaaleeyyiin alaafi keessaa walqindeessan mootummaa
jijjiiramaa karaatti hanbisuuf carraaqqii itti fufiinsa qabu taasisaa
turaniiru,ammallee gocha isaaniirraa of hinqusanne.Duulli jibbiinsaa ‘Oromoon
biyya bulchuu hindanda’u’ dhaamsa jedhu dabarsuudhaan jalqaba.
Seenessi Oromoon biyya bulchuu akka hindandeenye mul’isuufi amansiisuuf
itti fayyadaman jeeqamsa babal’isuudha.Ofumaa tuqanii jeeqamsi akka babal’atu
taasisu.Ofummaa ajjeessanii mootummaatu ajjeese jedhu.Ofummaa lammiiwwan
buqqisanii mootummaatu buqqise jedhu.Kanaan olola isaanii barame afarsaa oolu.
Dhimma kana hanga tokko fakkeenyaan ilaaluun barbaachisaadha.Finxaaleeyyiin
Amaaraafi Oromoo qindoomina guddaa akka qaban barreeffama kanaan duraa tokkoon
kan ilaalle ta’us mata duree kana wajjinis wanti walitti dhufu jira waan ta’eef
qindoomina finxaaleeyyii Amaaraafi Oromootiin gochoota badii raawwataman ilaaluun
dirqamadha.
Dhimmi buqqaatii dhalattoota Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessa
jiraatanii yoo ka’u kan buqqisaa jiru hidhattoota Oromoo akka ta’anitti
ilaalama.Wanti kun irra keessa yoo ilaalamu nama hundumaafuu dhugaadha.Hidhattoonni
Oromoo gocha lammiiwwan iddoo jireenyaa irraa buqqisuu kan raawwatan
finxaaleeyyii Amaaraa wajjin mari’atanii akkaataa ittiin raawwatan irratti
qophaa’anii,kana boodas isaan lamaanuu haala mootummaan akka jibbamuuf olola
ittiin afarsan gadi fageenyaan itti qophaa’uudhaan raawwatu.Kun ammoo yeroo
adda addaatti qabatamaan ta’ee agarree jirra.
Duula maqaa balleessuu tibbana jiru kan ilaallu yoo ta’es waa’ee
humna addaa hidhannoo hiikkachiisuu tibbana itti lallabamaa jiru ilaaluun
gaarii ta’a.Waan hinjedhgamne akka jedhametti fudhachuudhaan humni addaa
Naannoo Oromiyaa hidhannoo hinhiikkatu jechuun arrabsoofi olola hinmalle
afarsaa ooluun jibbiinsa irraa kan maddudha.Humni addaa Naannoo Amaaraa jiru
hidhannoosaa kan hiikkachuu qabu humna addaa Naannoo Oromiyaa jiru wajjin
morkachuudhaan utuu hintaane seeraafi qajeelfama jiru qofaan deemuudhaan ta’a.
Humnoonni addaa Naannoolee kanneen biroo keessa jiranis
hojmaatuma diriirfame irratti hundaa’uudhaan waan murteeffame hojiirra
oolchu.Maarree akka ilaalcha Finxaaleeyyii Amaaraatti humna addaa Naannoo
Amaaraa maaltu adda taasisa?hidhannoo hiikkachuun humna addaa naannichaa haala
amma mul’achaa jiruun maalif mataasaanii bowwaafachiise laata?
Finxaaleeyyiin hidhannoo yaadaa hinqaban.Yaada bilchina qabu
dhiyeessuudhaan tarsiimoofi sagantaa ummata fayyadu bocanii dhiyeessuus waan
hindandeenyeef kan abdaatan humna qofaatti.Humna loltummaatiin mootummaa amma
jiru moo’annee taayitaa qabachuu dandeenya jedhanii yaadu.Yaada faallaa qabatan
kana galmaan ga’uuf ammoo afaan Qawweeti.Kanaaf humni addaa naannoo Amaaraa
hidhannoo hiikkchuu hinqabu jechuudhaan wacaa oolanii bulu.Egaa jaaltames
jibbames humni addaa Naannoowwan kamiyyuu keessa jiru seera jalatti kan bulu
waan ta’eef qajeelfamaafi hojmaata diriirfame kabajuudhaan miieeshaa hidhate
qaama dhimmi isa ilaallatutti dabarsee kennuun dirqamadha.Muummichi keenya Dr.Abiy Ahmad humni addaa naannoo kamiyyuu keessa jiru hidhannoo akka hiikkatuuf kallattii kaa'uudhaan murtee dabarsuun isaanii hojii seenaa qabeessa hojjetanidha.Bara baraan yaadatamaa jiraata.Muummichi akkuma dameewwan hojii kanneen biroo irratti hojii bu'a qabeessa hojjetan dhimma kana irrattis waan biyyaafi ummata fayyadu hojjetan waan ta'aniif galata guddaa qabu.
Dubbiftoota kabajamtoota barreeffama kana yeroon isiniif dhiyeessuu jalqabetti tarsiimoon
fonqolcha mootummaa Finxaaleeyyiin qopheeffatan lakkoofsaan 11 akka ta’an
isinitti himeen jira.Akkuma tarsiimoo 1ffaa hanga 4ffaatti taasise haala qabatamaa amma jiruun tokkoon tokkoon isaaniirratti
barreeffama bal’aa dhiyeessuun rakkisaa waan ta’eef tarsiimoowwan hafan
gaggabaabseen isiniif dhiyeesse nahoofkalchaa.Fayyaa ta’aa.
Tarsiimoolee Diinaa lakkoofsa 5-11ffaa
Tarsiimoo 5ffaa: Hoongee Gammoojjii ajandaa idil-addunyaa
gochuu.
Hoongee
gammoojjii Oromiyaa keesatti
irra-deddiibiidhaan uumamaa jiru
gara “siyaasa beelaa” tti jijjiiruudhaan
bifa idil- adunyaawaa akka qabaatu taasisuu, kanaanis
dhimmi ala ergii qamadii Oromiyaa ajandaa kanaan cilee dibuun mootummaan akka
fudhatama dhabu taasisuu.
Tarsiimoo 6ffaa: Waamicha araaraa gufachiisuu.
Waamicha
Araaraa Mootummaan Federaalaafi Naannoo
Oromiyaa humnoota hidhatanii Oromiyaa
keessa socho’aniif taasise akka fashaalaa’u gochuu, humnootni siyaasaa Oromoo
akka tokko hin taane hojjechuu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi humni hidhatee
bosona jiru garaagarummaa tokko akka hin qabne fakkeessuun ummata burjaajessuu.
Tarsiimoo 7ffaa: Diigumsa
ijaarsa seeraan alaa daldala siyaasaatiif oolchuu.
Tarkaanfii
ijaarsa seeraan alaa diiguuf Finfinnee fi Shaggar keessatti taasifamaa jiru
akka waan saba tokorratti qofa xiyyeeffatee, akkasumas saba sana naannoo
Oromiyaa keessaa qulqulleessuuf akka waan raawwatamaa jiruu fakkeesanii
dhiyeessuun ummata burjaajessuu.
Tarkaanfii 8ffaa:Oromoo hannaan maqaa balleessuu.
Hannaan wal-qabatee mootummaan kun mootummaa wayyaanee caalaa akka sirnaatti saamicha keessa waan gale fakkeessaanii ummata burjaajessuun hoggansa akkasumas abbootii qabeenyaa Oromoo hamilee cabsuuf yaaluu.
Tarsiimoo 9ffaa: Mootummaan waan jigaa jiru fakkeessanii dhaadhessuu.
Ibsa
Mootummaa Naannoo Amaaraa baasuun akkasumas ajandaa miidiyaa naannoo Amaraa
irraa ka’uun mootummaan federaalaa biyya
hogganuu akka dadhabee fi sirnichi akka waan jigaa jiruutti
dhaadhessuu.
Tarsiimoo 10ffaa: Mootummaan Federaalaa TPLF hiikkachiisaa hin jiru
jechuun ummata burjaajessuu.
Mootummaan
federaalaa TPLF hiikkachiisaa akka hinjirree fi lafti Walqaayitii fi Raayyaa
TPLF-f akka deebi’ee kennameetti odeessuun ummata Amaaraa burjaajessanii
fincilaaf kakaasuu yaaluu.
Tarsiimoo 11ffaa: Deggartoota mootummaa qaanessuu, hamilee cabsuu.
Nama
mootummaa fi paartii Badhaadhinaa deeggaru kamiyyuu tooftaalee adda addaa
fayyadamuun suukkanneessuu, salphisuu,fudhatama dhabsiisuuf yaaluu.
Xumura
Galmi
ijibbaata diina Oromoo aangoo siyaasaa harka Oromoo jiru dhuunfachuun
Oromoo akka hin kaanetti cabsuu,sabdaneessummaa balleessuu fi sirna qeenxee
deebisanii ijaaruudha.Kanaafuu, Oromoon hundi
garaa garummaa ilaalcha siyaasaa isa gidduu jiru karaa nagaan furachuun bifa
ijaarameen sochoo’uun
ajandaa diinni bocatee nutti duulaa jiru kana cabsuuf garaagarummaa tokko malee
tokkummaadhaan falmachuu qaba!
0 Comments