Finfinnee #Ethiopia Eebila 15,2015(YMN) "Horii qabna jettanii yeroo qabna jettanii namatti hindarbinaa!"weelluu artiistiin Oromoo beekamaan Zarihuun Wadaajoo sirboota weellise keessaa qabiyyee walaloo sirbaa isa tokkodha.
Zarihuun Wadaajoo artiistoota Oromoo beekamoo bara dukkanaa sanattuu fuulleetti ba'uudhaan Afaan Oromootiin sirbuu danda'edha.Sirba godinaalee wallaggaatti irra jiraadhaan beekamu'Iyyaaseedhaan'beekama.Sirboonni qabsoofi jaalalaa inni sirbe qabeeyyii ergaawwan gurguddaa dabarsan kan qabanidha.
Yaa sabaa!nama qaroo hojii aartii muuziqaa Oromoo morma ol qabee jaarraa walakkaa oliif tursiise Artiist Zarihuun Wadaajoo du'aan akka dhabede har'adha kan himame.
Zarihuun sirboota bara sirna Darguu keessa sirbeen baay'ee jaalatamaadha.Kanin ani yaadadhu keessaa'Anjabaan ishii natti hammaatee sijaalannaan keessa baate'kan jedhu keessatti argama.'Iyyaasee Zarihuun Wadaajoo sirbu xiqaa guddaatu ittiin socho'a.
Odeeffannoo gahaa qabaachuu baadhus Artiist Zarihuun Wadaajoo bara sirna ADWUI keessa biyya keessa hinturre.ABO'tti makamuudhaan sirboota qabsoo sirbaa akka turen quba qaba.Odeeffannoo bal'aa hinarganne.
Jijjiirama booda ammoo haala mijaawaa uumametti fayyadamuudhaan gara biyyaatti deeb'uu danda'eera'Sirba Walirraa hindheessinu gurbaa jedhuufi Sabni Oromoo tokkummaasaa akka jabeessuuf gaaftu kan sirbe gara biyya keessatti erga deebi'ee booda natti fakkaata.
Artiist Zarhuun dhukubsatee wal'aanamaa erga turee booda akka boqotedha odeeffannoon har'a ganama ba'e kan mul'ise.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sababa du'aan boqochuu Artiist Zarihuun Wadaajootiin gadda itti dhaga'ame ibseera.Jaalattoonniifi dinqisiifattoonni Zarihunis karaa weeb saayitiiwwan hawaasyummaatiin gadda itti dhaga'ame yoo ibsan mul'achaa jira.
Abbaafi kalaqaan yaadimedianetwork.blogspot.com sababa du'a Artiistii Oromoo jaalatamaa kanaan gaddeera.Maatiifi firoottan jaalattootaafi dinqisiifattoota Artiist Zarihuun Wadaajoo hundaaf jajjabina hawweera.
0 Comments