Finfinnee Ethiopia Caamsaa 16/2015(YMN) Jiraattoonni Naannoo Tigraay kaleessa magaalota gara garaa keessatti hiriira nagaa gaggeessaniiru.Hiriirichi yeroo tokkotti magaalota keessatti kan gaggeeffame ergaawwan gurguddoo dabarsuuf akka ta'e beekamaadha.
Suuraawwan miidiyaawwan Naannoo Tigraayiin tamsaafaman irraa akka hubachuun danda'ametti namni manatti waan hafe hinfakkaatu.Jiraattoonni hiriiraan mul'atan kan baay'ee nama gaddisiisanidha.Irra jiraan Dubartootaafi Daa'imman akka ta'an hubachuun nama hinrakkisu.Sababiin kanaa Dargaggoonniifi dhiirri Naannoo Tograay waraana suukaneessaa waggoota lamaaf tureen dhumuusaaniiti.Kun waan haalamuu hindandeenyedha.Nama gaddisiisa.Quufa qondaaltoota wayyaaneetu kana fide.
Hiriira irratti akka mul'atetti kanneen muraasni Alaabaa Itiyoophiyaa qabatanis jiru.Irra jiraan garuu Alaabaa Naannoo Tigraay qofa qabatanii ba'an.Kunis ergaa qabaachuu danda'a.Nuti biyya malee naannoo miti jechuu barbaadamee ta'uu danda'a.Olollii gama kanaan duursa irratti hojjetame waan dafee ba'uu danda'u akka hintaane nihubatama.
Gaaffiiwwan dhaadannoodhaan dhiyaatan caasaa tasgabbii Federaalaatiin ala hidhattoonni biroo nuuf haaba'aniifi buqqaatoonni gara qayeesaaniitti haadeebi'an kan jedhudha.Kana malees gargaarsi namoomaa addaan cite akka itti fufuuf gaafatameera.Ergaan hidhattoonni kanneen biroo nuuf haaba'an jedhu Eertiraa irratti kan xiyyeeffate akka ta'e beekamaadha.Waa'een Baadimmee silaa seera idil addunyaatiin murtee xumuraa kan argatedha.Baadimmeef jecha Eertiraa wajjin walwaraanuun waan ta'u akka hintaane beekamaadha.Iddoowwan biroos yoo jiraatan mariifi ilaafi ilaameedhaan ta'a malee ammaan booda Itiyoophiyaa wajjin waraana keessa hinseentu.Ta'uus hinqabu.Gara Tigraay irraa garuu mootummaan Itiyoophiyaa Eertiraa irratti waraana banee haaloo akka ba'u waan barbaadamu fakkaata.Tun hintaantu!
Ammaan booda walkabajaafi waltumsaan jiraachuu malee biyya ollaa wajjin waraana keessa seenuudhaan akka kanaan duraa ilmi namaa waraanaan akka dhumu hintaasifamu.Habadan waan ta'u miti.Xiyyeeffannoon Itiyoophiyaa waraana utuu hintaane misooma guddinaafi badhaadhinadha.Dhimmi Birmadummaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti sarbu yoo dhufe garuu waan ta'u kan beekutu beeka.
Hundumaafuu ergaawwan hiriira Naannoo Tigraay kun dhaamsa siyaasaa gurguddoo of keessaa kan qabanidha.Wanti ta'u fuulduratti adda ba'aa deema.Mootummaan yeroo ce'uumsaa Naannoo Tigraay waan kana akkamitti hoogganaa laata?Bullee ilaalla.
0 Comments