Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 15/2015(YMN) Jibba facaasaa ooluun beekumsa hinbarbaadu.Doofaan kamiyyuu miidiyaatti ol ba'uudhaan namoota dhuunfaa hooggansarra jiran kan arrabsaa oolu hanqina beekumsaa waan qabuufidha.Namoota kanneen keessaa tokko nama Dr.Heenook Gabbisaa jedhamu natti fakkaata.
Jechi afaan nama kanaa keessaa ba'u arrabsoodhaan kan guutamedha.Keessumattuu jibbi inni muummicha ministiraa Dr, Abiy Ahmadfi paartii badhaadhinaa irratti qabu daangaa kan qabu akka hintaane gaaffiifi deebii galgala kana Beetalheem Taaffasa wajjin 'Betty show' irratti taasise irraa hubadheera.
Yaada inni calaqqisiise irraa akkan mirkaneeffadhetti namtichi kun saba Oromoo keessaa kan ba'e miti.Tarii akka kanaan dura obbo Gabruu Gabramaariyaam jedhanitti Tigree gara Wallaggaatti godaanan irraa kan dhalateefi Afaan Oromoo dubbachuu kan danda'udha.Haaluma dubbiisaatu kana mullisaafan kana jedhe.
Fakkeenyaaf himannaa mootummaan Lidatuu Ayyaaleew irratti dhiyeesse akkamitti ilaalta akka nama seeraatti?jedhamee gaaffii isaaf dhiyaateef deebiin kenne ajaa'ibsiisaadha.Namni Oromoo ta'e tokko medaallii maaliitiin Lidatuu Ayyaaleew dinqisiifataa?
Heenook irra deddeebi'ee himuudhaan Obbo Lidatuu Ayyaaleew goota siyaasaa akka ta'e dubbate.Lidatuun diina Oromooti.Diinoota Oromoo keessaafi alaa maddii hiriiruudhaan Oromoon akka miidhamuuf socho'eera,ammas socho'aa jira.
Maarree Heenook Oromoo taanaan akkamitti diina Oromoo jajuudhaan dinqosiifataa?maal jechuudhaa kun?beekumsa seeraa isa kamtu kana gorsaa?
Heenook hayyuu seeraa taanaan waan Lidatuu Ayyaaleew Oromoo irratti jechaa ooluufi diddiga siyaasasaa tortoraa akkamitti ilaala laata?
Egaa kan diina Oromoo jajuudhaan dinqisiifachuun,deeggaruuniifi faarsaa ooluun bu'aan Ummata Oromootiif argamsiisuu danda'u hinjiru.Jibba facaasaa ooluudhaan bu'aan siyaasaa hammaramuu danda'us akka hinjirre hubatamuu qaba.Oromoon hundi haqa kana qalbeeffachuu qaba.Fayyaa ta'aa.
0 Comments