Hiyyummaa Awwaaluu Qabna-Pirezidaant Shimallis Abdiisaa

  



Finfinnee #Ethiopia Eebila 27/2015(YMN) Waan sadi qalbeeffachuun dhimma murteessaa akka ta’e pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hubachiisaniiru.Jiraattonni magaalaafi qonnaan bultoonni hundi hiyyummaa moo’achuudhaan awwaaluuf dhimmoota sadirratti xiyyeeffachuun akka hojjechuu qaban dhaaman.Dhimmoonni sadeen kunis:

1.Waan hojjetan karoorfachuun beekuu

2.Bu’aa waan hojjetamuun argamu beekuu

3.Bu’aa argame irraa hammam akka qusatu beekuudha.

Pirezidaanti Shimallis jiraataan magaalaafi qonnaan bulaan karoorawwan sadeen kana qabatee kan socho’u yoo ta’e hiyyummaa mamii malee awwaaluun akka danda’amu himan.

Eebila 26 bara 2015 godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti Tiraaktaroonni qonnaa kubbaaniyyaa ‘Keenyaa’jedhamuun qindaa’an 589 pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaatiin waldaalee intrapiraayozootaan gurmaa’uudhaan socho’aa jiraniif dabarsuun kennamaniiru.

Qonnaan bultoonni Oromiyaa kanaan dura waggoota hedduudhaaf qotiyyoodhaan qotaa ture.Amma dhawaataan hojii qonnaa qotiyyoodhaan qotuu keessaa ba’aa jira.Kun ta’uu kan danda’e mootummaan ummata bal’aadhaaf yaaduufi quuqamu waan jiraateefidha.

Amma akka kanaan duraa qofaa fiiguufi dhiphachuun hinjiru.Qonnaan bultoonni gurmaa’anii kilaastaraan qotuudhaan hammentaa omishaa dabaalaa jiru.Omishi dabalaa jirus haala jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruurra darbee jiraattoota magaalota keessa jiraataniifis  abdii guddaa uumeera.Omishi hammeentaa barbaadamuun jiraannaan hawaasni baadiyaas ta’e magaalaa keessa jiraatu rakkoodhaaf hinsaaxilamu.Qonnaan bulaan ofirra darbee kaanif dhaqqabuu dandeenyaan rakkoon dhabamaa deemmuun waan hinoolledhha.

Hiyyummaadhaan jiraachuun salphinadha.Salphatee jiraachuu kan barbaadu ammoo akka namaatti hinjiru.Ammaan booda hiyyuummaadhaan walta’uudhaan jireenya gadadoo keessa  jiraachuun dhorkaa ta’uu qaba!Haalli mijaa’aan utuu jiruu yeroo ofii qisaasuudhaan maatii ofiifi biyya jireenya hiyyummaatiif dabarsuudhaan kennuun kan nama gaafachiisu ta’uu qaba.

Hojmaanni itti gaafatamummaa kun yoo jiraate hundumtuu mira itti gaafatamummaatiin hojjeta.Maal nadhibeedhaan deemuutu dhaabbata.Hundumtuu hiyyummaa moo’achuuf yeroo hojjetattu ammoo hiyyummaan moo’amuun waan hinoolledha.Kanaaf tokko utuu hojjetuu tokko ammoo taa’ee ilaaluu hinqabu!Hundumtuu carraaqqachuu qaba.

Keessumattuu haalli mootummaan waggaa waggaadhaan qonnaan bultootaaf mijeessaa jiru bu’aan argamsiise maalidha? jedhamee qoratamaa deemuu qaba.Tiraaktaroota qonnaa qonnaan bultootaaf baasii taaksiirraa bilisa kennuun waan gaariidha.Tarkaanfiin kun qonnaan bultoota kan jajjabeessudha.Dhawaataanis qonnaan bulaan hundi gara Tiraaktaraan qotuutti akka dhufuuf shoora guddaa kan gumaachudha.

Omishaafi omishitymmaa dabaluudhaan hawaasni baadiyaa keessa jiraatu irra jiraan hiyyummaa keessaa yoo ba’e jiraataan magaalaas hiyyummaa keessaa ba’uun waan hinoolle akka ta’e garanumaa mul’achaa jira.Omishi qonnaan bulaa gabaa akka argatuufis hojjetamaa jira.Akaakuun omishaa gara garaas jiraattoota Magaalaatiif bu’aa ba’ii malee akkaataa ittiin dhiyaatan irratti haalli mijeeffameera.

Haala kanaan sochiin eegalame finiinuudhaan kan itti fufu taanaan akkumua pirezidaant Shimallis Abdiisaa ummata hundaaf dhaaman hiyyuummaan awwaalamuunsaa waan hinoolledha.Fayyaa ta’aa!

Post a Comment

0 Comments