Humnoota addaa duraanii Naannooleerraa Poolisii Federaalaatti makamaniif simannaa taasisuun leenjii akka eehalan taasifameera

 




Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 10/2015 (YMN) Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Komiishinar Dammalaash Gabremikaa'eel humnoota addaa duraanii Naannooleerraa Poolisii Federaalaatti makaman simachuun leenjii eegalchiisan.
Sagantaan kun Yunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaatti kan gaggeeffame yoo tahu sirna kanarratti qondaalonni olaanoo poolisii argamaniiru.
Sirna kanarratti Komiishinarri Jeneraalaa Komiishinii Poolisii Federaalaa Komiishinar Dammalaash Gabremikaa'eel humnoota addaa duraanii Naannoolee kunneen gahee nageenyaa biyyaa eeguu keessatti gumaacha turan miseensa Poolisii federaalaa ta'unis daraan cimsuu qabduu dhaaman.
Mootummaan humna poolisiifi Raayyaa Ittisaa cimaa ta'e akka jiraatuuf hojii humnoota addaa irra deebiin gurmeessuu hojiirra oolchaa jira.

Miseensonni kunneen turtiisaanii Yunivarsiitiin beekumsaafi dandeettii hortanii qajeelummaafi amanamummaan hawaasa isaanii kan ittiin tajaajilaanii jedhan.
Leenjiisaanii yoo xumuran loogummaa sanyummaa,amantaafi siyaasa irraa karaa walaboomeen hawaasa isaanii amanamummaan tajaajiluu akka qabanis hubachiisan.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Poolisii Komiishinara Janaraalaa Itti aanaa Masfin Abbabaa gamasaaniin miseensonni kunneen turtiisaanii leenjii ergama itti aanuuf isaan gahoomsu akka argatan himan

Maddi:OBN

Post a Comment

0 Comments