Finfinnee #Ethiopia Eebila 27/2015(YMN)Muummichi ministiraa guyyaa goototaa waggaa 82ffaa har’a kabajamaa jiru sababeeffachuudhaan ganama kana baga geessan! jechuun barreeffamaan ergaa dabarsaniiru.Ergaan guutuun muummichi dabarsan kan itti aanu kanadhaa.Dubbisaa!
Itiyoophiyaan
biyya guyyaa bilisummaa utuu hintaane guyyaa injifannoo qabdudha.Hadholiifi
abbootiin keenya bilisummaa isaanii waan kamiiniyyuu jijjiiruu hinfeene
bilisummaadhaaf jecha wareegamaniiru.
Bilisummaan hadholiifi
abbootiin keenya lubbuu wareeguudhaan nuuf tursiisan qofaasaa dhaabbachuu
hindanda’u.Bilisumaawwan kanneen birootiin utubamuu qaba.Qabeenyi,gamtaafi
tajaajiltummaan utubuunii qabu.
Damee
diinagdeetiin jabaannee,qabeenya biyyaa yoo horachuu baanne,gargaaramtummaa
keessaa yoo ba’uu dadhabne bilisummaan qofaasaatti fagoo nundeemsisu,kan
hiyyummaadhaan boonee jiraatu nutaasisa malee.Gamtaa uummannee adda ba’uufi
qoqqoodamuu yoo moo’achuu baanne bilisummaan qofaasaatti humna nuuf hinta’u.Bilisummaa
gamtaadhaan arganne adda ba’uudhaan hayyamuma keenyaan dhabna waan ta’eef.
Biyyaafi
ummata haqummaafi qulqullummaadhaan tajaajiluuf yoo murteessuu baanne bilisummaan
qofaasaatti guddina hinfidu,malaammaltummaan hojmaanni duubatti hafaafi dhibaa’ummaan
gara boodaatti nuharkisa waan ta’eef.
Guyyaa
injifannoo keenya yoo kabajinu injifannoo gootota keenyaa booda injifannoowwan
galmeessifne lakkaa’uudhaan ta’uu qaba.Injifannoon injifannoo hindhalle
injifannoo hinjedhamu.
0 Comments