Kantiiboota Magaaloota Itiyoophiyaatiif muummicha ministiraan leenjiin kenname

 




Finfinnee #Ethiopia Eebila 26/2015(YMN) Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad kantiiboota magaaloota Itiyoophiyaatiif Magaalaa Finfinneetti leenjii kennaniiru.

Leenjiin kun dhimma Magaalotaa,guddina magaalotaafi hojiiwwan Kantiiboota irraa eegamu irratti kan xiyyeeffatedha.

Muummichi ministiraa kantiibootaaf leenjii kana kan kennan kantiiboonni magaalota Itiyoophiyaa tibbana pirojaktoota misoomaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman erga daawwatanii booda akka ta'e hubatameera.

Magaalota Itiyoophiyaa,hojii ijoo kantiibootaafi badhaadhina magaalotaa akkaataa kamiin mirkaneessuun akka danda'amu leenjii kana irratti muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad kantiibootaaf ibsa bal'aa kennaneeru.

Haala jireenyaa jiraattoota Magaalotaa fooyyessuun dhimma murteessaa akka ta'eefi kanaanis sadarkaa jireenyaa jiraattoota magaalaa walsimsiisuun barbaachisaa akka ta'e himameera.

Kana malees kantiiboonni wayita hojii idilee hojjetanitti wantoota itti xiyyeeffachuu qabaniifi kanaafis kutannoofi qophaa'ummaa qabaachuu qaban irratti leenjichaan kallattiin kennameera.

Kantiiboonni hojii idilee wayita hojjetanitti naannawa hojii isaaniitti namoota hojii irraa isaan gufachiisan irraa of eeguu akka qabanis muummichi ministiraa kantiibotaaf gorsa kennaniiru.

Dhukkubni kantiibooni qaban guddaan haala Magaalota hooggananii wallaaluu akka ta'eefi kantiiboonni magaalaa hoogganan sadarkaa hundumaanuu sirritti beekuun akka irraa eegamu muummichi ministiraa dhaamaniiru.

Ministeerri Magaalotaafi bu'uurawwan misoomaa adde Caaltuu Saaniitiin hoogganamaa jiru tibbana waltajjii Kantiiboonni Magaalota Itiyoophiyaa itti hirmaatan kan qopheesse yoo ta'u sababa qophii Foromii kantiiboota Magaalaa kanaan kantiiboonni muuxannoo magaalota isaanii ittiin misoomsaniifi gara badhaadhinaatti ittiin geessan akka argatan hubatameera.


Post a Comment

0 Comments