Komishiniin Gumuruukaa Itiyoophiyaa maal jedhee?

 


Finfinnee #Ethiopia Eebila 25/2015(YMN) Gargaartuu Komishinaraa, Atleet Daraartuu Tulluu fi namoonni bebbeekamoo biroo Ambaasaaddara Taaksii fi Gumurukaa ta’anii muudamuu Komishiniin Gumuruukaa beeksise.
Bara 2011irraa eegalee namoonni Ambaasaaddara Taaksii fi Gumuruukaa ta’uun tajaajilaa turaniif sirni gaggeessaa taasifameera.
Ambaasaaddaronni haaraa muudaman kunniin maqaa gaarii biyyaa ijaaruu, ilaalcha hawaasaa garummaatti jijjiiruu fi itti gaafatamummaa hawaasummaa bahachuun gumaacha olaanaa kan bahatan ta’uun eerameera.
Ministirri Galiiwwanii Ayinaalam Nigusee Ambaasaaddaroota gaggeeffaman galateeffachun kanneen haaraa muudaman itti gaafatamummaa isaanii sirnaan akka bahatan gaafataniiru. Gargaartuu Komishinaraa, Atleet Daraartuu Tulluu, Obbo Girmaa G/Masqal, Liqa-Tiguhaan Taagaayi Taaddalaa, Obbo Biniyaam Ballaxaa, Aaddee Hanaan Muhammad, Ustaaz Kaamiil Shamsuu, Dr. Maammuush Faantaa, Dr. Wadaajeneh Maahari fi Dr. Mihiirat Dabbabaa Ambaasaddaroota haaraa muudaman ta’uun eerameera.
Ambaasaaddaroonni gaggeeffaman Barreessaa Geetachoo Ballaxaa, Artisti Araggaheny Waraash, Artisti Hamalmaal Abaata, Maggaabii Haaddis Isheetu Alamayyoo, Daaqoon Daani’eel Kibrat, Ustaaz Abubakar Ahimad, Ambaasaaddar Hasan Taajuu, Atleet Xiruunash Dibaabaa, Looreet Yeetnabarshi Nigusee fi Ambaasaaddar Muluu Salamoon ta’uu ragaan Komishinii Gumuruukaa irraa argame mul'iseera.

Post a Comment

0 Comments