Manni marichaa maal jechaa jiraa?

 



Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 19/2015(YMN) Manni marii ol'aanaa dhimma Islaama Magaalaa Finfinnee ibsa kaleessa baase tokko dubbiseen manni marichaa maal jechaa jiraa?jedhee gaafachuufan dirqame.Ibsi mana marichaa weebsaayitiiwwan hawaasummaa malee miidiyaawwan idileetiin hintamsaafamne.

Kanatu dhimmicha shakkuudhaan akkan gaafadhuuf nadirqamsiise.Akka himamaa jirutti masgoodoonni seeraan ala diigaman jedhaman kan ijaaraman Magaalaa Finfinnee keessatti utuu hintaane bulchiinsa magaalaa Shaggar keessattidha.

Dhimma bulchiinsa Magaalaa Shaggar keessatti raawwatame jedhame harkisuudhaan inni Finfinnee keessa jiru akkamitti mormuufi balaaleeffachuu danda'aa laata?Bulchiinsa magaalaa Shaggar keessa hawaasni Islaamaa hinjiruu?Isaan mirga isaaniitiif maalif hinfalmatan?Dubbiin anatu siibeekaadhamoo akkami?

Tibbana namoonni tokko tokko mormii'Sagaleen keenya haadhaga'amu'lakkoofsi lammaffaan jalqabamuu qaba jechuun yaadasaanii calqqisiisaa turan.Akkuma barame ammoo guyyaa Solaata Jimaataatti fayyadamu,Kun maalif ta'e? Falmiin mirgaa kan dhugaa qabu taanaan guyyaa biraa gaafachuun hindanda'amuu?

Guyyaa namoonni hedduun Masgiidootatti Solaataaf itti walgahan da'oo taasifachuun guyyicha eeguudhaan gaaffii mirgaa gaafachuun akkamitti sirrii ta'uu danda'aa?Miidhaa ga'eef eenyutu itti gaafatama?Lubbuu namaa darbeefi qabeenya barbadaa'eef itti gaafatamaan eenyudha?

Haala uumame kanatti humni Finxaalessaan keessaafi alaa humnaan mootummaa fonqolchuuf hamuummachaa jiru fayyadamuufi dhiisuusaa ragaan qabatamaan jiraa laata?Dhimmicha kallattii kanaanis ilaaluun barbaachisaadha.Namoonni hooggansa mana marichaa keessa jiran waan kana kanneen qalbeeffachu danda'anii laata?

Humni finxaalessaan keessaafi alaa dhimma amantaafi sabaatti kanumaan durayyuu fayyadamaa ture.Ammas dhimma amantaa da'oo taasifachuudhaan hookkara kaasuudhaan bu'aa siyaasaa galmeessifachuuf carraaqqiin taasifamaa jira taanaan sirrii miti.Hawaasni musliimaa dura dhaabbachuu qaba.Haqa qabatamaan jiru qalbeeffachuudhaan sochii haala kanaan taasifamu mormuufi kallattii sirrttii akka deebi'u taasisuun dirqama caasaa mootummaa qofaa miti.

Dhimmi waldhabdee abbootii amantaa Ortodooksii Itiyoophiyaa gara furmaataatti deemaa akka jiru hubatamanaan dhimma amantaa Islaamaa da'oo taasifachuutti deemamaa akka jiru shakkuun barbaachisaadha.

Ibsa manni ol'aanaa dhimmaa Islaamaa Finfinnee galgala baase keessatti waa'een namoota poolisiin Finfinnee too'annoo jala oolcheera jedhee ifoomse hinkaane.Maalif ka'uu dide?namoonni too'annoo jala oolfaman maal raawwachaa turan?Manni marii ol'aanaa dhimma Isalaama Magaalaa Finfinnee waa'ee namoota too'annoo jala oolfamaniirratti maalif dubbachuu dadhabe?Waa'ee humnoota tasgabbii miidhamaniihoo ka'uu hinqabuu?Dhimma amantaa gaggeeffachuun kan danda'amu nagaan yoo jiraate qofa akka ta'e hubachuun maalif dadhabamaa?

Namoota lubbuun dabarteef jajjabinni hawwameera.Haata'u namoonni lubbuun darbe tarkaanfii mootummaan fudhateen du'uusaanii ragaan mul'isu yoomittuu argamee harkana mana marichaa seene?

Poolisiin bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibsa kaleessa baaseen hookkara sirna Solaata Juma'aa kaleessaa booda ka'een lubbuun namootaa akka darbeefi poolisoota hedduurra miidhaan akka ga'e akkasumas namoonni 114 hookkara keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman too'annoo jala oolfamuudhaan dhimmisaanii qoratamaa akka jiru kan beeksiise ta'uunsaa niyaadatama.


Post a Comment

0 Comments