Suuraa isaanii kana daawwachuun yoo
tilmaamnu umuriin ijoollee kana waggaa 10 hanga 15 kan caalu miti.Daa'imman
xobbee kana abidda waraanaatti naquun bu'aan warra waayyaanneetiif argamsiise
hinjiru.Badiifi hammeenya ittiin beekamantu dachee irraa isaan dhabamsiisaa
jira.
Odeeffannoowwan guutummaatti daaraa
ta'uusaanii mul'isan ba'aa jiru.Tuffiidhaan huuruu dhiibanii wantoota
hammeenyaa hedduu raawwachaa turan waan ta’eef kan gadduuf yoo jiraate bara
taayitaasaaniitti fayyadamaa kan ture qofa akka ta’u shakkiin hinjiru.
Waayyaanneen waggoota 27’f wayita
Itiyoophiyaa bulchaa turteetti ofiifi kan ishiitti dhiyaatan qofa fayyadaa
turte.Biyya saamte malee bu’aan biyyaaf argamsiifte hinjiru.Wantoonni
fakkeessuuf jecha hojjette hinjiran jechuu miti.Hanga tokko hojin misoomaa
hojjetame jira.Kanumayyuu ummata Itiyoophiyaatiif quuqamanii utuu hintaane
shiroonni dhokasaatti raawwachaa jiraatan akka hinbeekamneef godhan.
Bajata misoomaaf ramadamu hunda irraa
qunxurachaa akka jiraachaa turan iccitiiwwan erga taayitaa irraa ari’amanii
booda gadi ba’anii adda babayii guutanitu ragaa ta’ee dhiyaata.Wanti hataa
turan hundi jalaa dhabamnaan akkuma baran hanna ittiin beekamanitti deebi’uuf
marsaa afur guutuu Itiyoophiyaa irratti waraana banan.
Waraanni marsaa 4ffaa daboo hedduu kan
ittiin waammatan ture.Garee Tsimdoo isaaniin hoogganamu hundeessuudhaan takka
munyuuquuf yaalanis wanti yaadaniif karoorfatan karaatti jalaa fashalaa’ee
hafe.Utuu akka karoora isaaniitti ta’eefi Mootummaan Ida’amuu taayitaa irraa
fonqolfamee biyyi nagaa dhabee ture.
Ergattoonni isaanii shaabiyaafi Egyptis
akka amma gaddarra jiran utuu hintaane silaa yoona gammachuudhaan
fishiliquuyyuu.Karoorri gammachuudhaan utaaluuf qabatan galma ga’uufii didee
salphatan.
Warri waayyaannee sammuun isaanii waan
hinyaadneefi malee medaallii maalitiin ijoollee xobbee kana waraanatti
hirmaachisanii moo’achuu danda’uu?odeeffannoowwan kaleessa ba’an akka
mirkaneessanitti ijooleen suuraa isaanii daawwattan kun waraana naannawa
daangaa Eertiraatti adeemsifame irratti booji’aman.
Daa’imman kun umurii barachuu qabanitti
adda waraanaatti akka bobba’an kan taasise garee seeraan alaa
Waayyaanneeti.Amma Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaatiin booji’amaniiru.Gooti
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa ammoo kan booji’e kunuunsaan qabuu beeka.Boojuu
kunuunsuun duruu amalaafi aadaa gootota keenyaati.Boojuu kunuunsaa jireenya
nagaattis deebisaa!
Gochoonni Waayyaannee jibbisiisaa ta’an
ammaan booda Itiyoophiyaatti akka hindeebine mirkanaa’eera.Amma ergataanis ta’e
ergmtoonni haleelamaa jiru.Haleellaa gootota Itiyoophiyaa dandamachuudhaan
bayyanachuu akka hindandeenye haala qabatamaan jirutu ragaa qabatamaadha.
Gareewwan miseensa Tsimdoo duubaa jiddu
gala biyyaatti waraana banuuf takka wixiffatanis haleelamaniiru.Kanneen albaatiisaanii
ofirra yaasaa baqatanis bosona itti dhokatan keessaa yeroo gabaabaatti ba’u
jedhamee hinyaadamu.Achumattuu dhumuu danda’’u.Itiyoophiyaan biyya
goototaati.Ijoolleenshii gootoonni utuu jiranuu kan ishii se’atu hinjiru.Fayyaa
qabaannee hayyama waaqaatiin umurii dheerannee waan hedduu argaa jirra.Galanni
kan uumaa keenyaa haata’u!

0 Comments