Finfinnee
#Ethiopia Caamsaa 17/2015(YMN) Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa Miidiyaa
Piraayimiif akeekkachiisa dhumaa kenne.
Labsiin
miidiyaalee Ityoophiyaa lakkoofsi 1238/2013 miidiyaaleen tamsaasa qabiyyee
waliin jireenya lammiilee miidhaniifi wal amantaa kutaalee hawaasaa garaagaraa
miidhan tamsaasuurraa akka of qusatan dirqama kan kaa’u ta’uu ibsameera.
Labsii
miidiyaalee heera mootummaa FDRIfi seerota walfakkaatan biroo keessattis miidiyaaleen
qabiyyee duudhaalee waloo diigan, wal danda’uun akka hin hinjiraanneef sababa
ta’aniifi lammiilee walitti bu’iinsaaf kakaasuu danda’an akka hin tamsaasne kan
dhorku ta’uu ibsameera.
Televizhiiniin
Piraayim yeroo dhiyoo asitti oduuwwaniifi qophiilee seerota kanneen cabsan
tamsaasaa turuu hordoffii taasiseen mirkaneessuu ibsuun,bu’aa hordoffichaarraa
ka’uunis irra deddeebiin akka sirreessuuf deebiin kennamaafii turuu
yaadachiiseera.
Yeroo
dhiyoo dura gaafa guyyaa 4/9/2015 waajjira abbaa taayitichaatti marii taasisuu
yaadachiiseera.
Haa
ta’u malee televizhiiniin Piraayim dogoggora isaa itti fufuun dhimmoota amantaa
of eeggannoo cimaa barbaadan irratti qabiyyee seera cabsaniifi waliin jireenya
lammiilee miidhan tamsaasuun yaalii lammiilee muddama hin malleefi balaaf
saaxiluu irratti kan mul’ate ta’uu eereera.
Kanaaf
miidiyichi gochaa isaarraa akka of sirreessuuf akeekkachiisni dhumaa
kennamuufii abbaan taayitichaa beeksiseera.
0 Comments