Mootummman Naannoo Oromiyaa nageenya mirkaneessuuf dhaabbilee amantaa waliin hojjechaan jira jedhe




Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 23/2015 (YMN) Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetamanirratti dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa akka jiru Biiroon Kominikeshinii Naannichaa beeksiseera.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyuaa ibsa har'a miidiyaaleef kennaniin, Ityoophiyaan biyya sabaa fi sablammoonni waldanda'uun keessa jiraatan ta’uu eeruun, garaagarummaan jirus madda jabinaa fi miidhaginaati malee madda rakkoo akka hintaane himan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaatis walqixxummaa amantaaleetti kan amanu, kan kabajuu fi beekkamtii kan kennu ta’uu mirkaneessan.
Dhimmoota naannoo fi biyyaa irrattis dhaabbilee amantaa waliin hojjechuun,rakkoowwan dhaabbilee amantaa keessatti uumaman karaa nagaa fi qajeelfama amantaa eegeen akka furamaniif kan tumsuu ta’uu ibsuun, dhaabbileen amantaa bakka itti waaqeffatan akka qabaataniif lafa karaa seeraa kennuun qabatamaan mirkaneessaa jira jedhaniiru.
Dabalataan hojiilee nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetaman irrattis dhaabbilee amantaa waliin qindoomina gaariin hojjetaa akka jirus Obbo Hayiluun dubbataniiru.
Obbo Haayiluun, finxaaleyyiin amantaa dahoo godhachuun biyya keessaa fi alaan qindaa'anii olola kijibaa fi fedhii siyaasaa giddugaleessa godhate oofaa jiraachuu kaasan.
Ijaarsa seeraan alaa diiguu gaggeeffamaa jiru Mazjiida qofarratti kan xiyyeeffatee fi Magaalaa Shaggar qofa keessatti hojiirra oolaa kan jiru osoo hin taanee magaalota naannichaa 600 ol ta'an keessatti karaa heeraa fi seera bu'uureffateen gaggeeffamaa akka jiru himaniiru.
Adeemsi ijaarsa seeraan alaa diiguu of eeggannoo bifa walfakkaataa, iftoomina qabuu fi hojimaata seeraa hordofeen kan raawwatamudha jedhaniiru.
Adeemsa raawwii keessattii rakkoon yoo jiraates mariin furuuf kan hojjetamu ta’u ibsaniiru.
Hordoftoonni amantaa Islaamaas, shira finxaaleyyii amantaa dahoo taasifachuun akka waan mootummaan addatti Mazjiida irratti xiyyeeffateetti ololan dura dhaabbachuu akka qaban gaafataniiru.
Fuuldurattis, mootummaan dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti dhaabbilee amantaa waliin qindoomina cimaan kan hojjetu ta'uu himuun, dhaabbileen amantaas qaamota amantaa dahoo godhatanii nageenyaafi tasgabbii biyyaa booressuuf socho'an dura akka dhaabbatan waamicha dhiyeessuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame mul'iseera.

Post a Comment

0 Comments