Nageenyi filannoo keenya yeroo hundaati- Mootummaa Naannoo Amaaraa




Finfinnee #Ethiopia Eebla 28/2015(YMN) Mootummaan Naannoo Amaaraa nageenyi filannoo yeroo hundaa ta’uu ibseera.

Mootummaan naannichaa imaammataa ijaarsa nageenyaa,misoomaafi sirna diimookiraasii birmadummaa, fooyya’iinsa jireenyaafi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu danda’an raawwachuuniifi raawwachiisuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjechaa jiraachuu ibsa haala yeroo irratti kenneen mul’iseera.

Boqonnaan jijjiiramaa wayita eegalee asitti rakkoolee mudatan irratti kutannoodhaan hanga wareegama kaffaluutti qabsaa’uun uummanni naannichaa nageenya, misoomaafi ijaarsa sirna diimookiraasirratti kallattiin akka hirmaatuuf carraaqqiin cimaan taasifamaa turuufi ammas taasifamaa akka jiru ibseera.

Mootummaan naannichaa waraanaan booda karoora baasuun buqqaatota waaraan dhaabuuffi dandamachiisuuf, caasaalee bulchiinsaa diigaman deebisee gurmneessuuf, bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisee suphuuf akkasumas miidhaa xiinsammuu uummataa gara iddoo duraatti deebisuuf hojjechaa turuufi ammas hojjechaa akka jiru eereera.

Waraana naannichatti babal’achaa ture qolachuuf humna gurmaa’ee socho’aa ture gara jireenya nagaatti deebisuufi fayyadamaa misoomaa taasisuuf marii bal’aan taasifamuu mootummaan naannichaa yaadachiiseera.

Haa ta’u malee humnoonni muraasni gurmaa’iinsa kana keessa jiran faayidaan dhuunfaa isaanii akka addaan hin cinneef kaayyoo gurmaa’anii turaniif dagachuuniifi sochii taasisaa jiraniif haala siyaasaa kennuun akkaataa fedhii uummata Amaaraa hin taaneen qaamolee nageenyaa mootummaarratti dhiibbaan uumuun naannichaafi biyyattii gara jeequmsaatti galchuuf socho’uu ibseera.

Tarkaanfiin seera kabachiisuu sababoota eeraman kanaan iddoowwan muraasa rakkoon jirutti kan taasifamu malee naannichatti iddoowwan hundatti akka hin taane hubachuun barbaachisaa ta’uu mootummaan naannichaa ibsa baasee kanaan mul’iseera.

Naannoon Amaaraa akka rogeeyyiin miidiyaa finxaaleyyiin jechaafi himaa jiranitti utuu hin nagaa kan qabu akka ta’es himeera.Uummannis qaamolee kanneen irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatuuf gaafachaa turuu eereera.

Hojiin seera kabachiisuuf hojjetamaa jiru uummata naannichaa hidhannoo hiikkachiisuuf akka hin taane irra deddeebiin beeksisuu eeruun, hojiin seera kabachiisuu hojjetamaa jiru uummata naannichaa gara nageenya waaraatti galchuun fayyadamummaa nageenyaafi misooma haqa qabeessaa dhugoomsuuf ta’uu mul’iseera.Mootummaan naannichaa nageenyi filannoo yeroo maraa filmaata biraa hin qabne ta’uu kan amanu ta’uus ibseera.

Namoonni dhuunfaafi gareen finxaaleyyii faayidaawwan uummata naannichaarra dhaabbachuun gochaa badiisaaniirraa ofqusachuun filannoowwan nageenyaa mootummaan dhiyeessetti akka fayyadamaniif har’as irra deebiidhaan kan hubachiisu ta’uu ibseera.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa finxaaleyyii ta’aniifi gocha jeequmsa kakaasuu keessatti hirmaatan hundumtuu gochaasaaniirraa of qusachuu akka qaban hubachiiseera.Ibsa Mootummaan Naannoo Amaaraa kenne sagaleekootirraa dhaggeeffadhaa: https://www.youtube.com/watch?v=pkVj1JM3wjI

 

 

 

 

Post a Comment

0 Comments