Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 10/2015(YMN) Bulchaan Baankii Biyyaalessaa duraanii Obbo Dubbaala Jaallee du'aan Addunyaa kanarraa boqotaniiru.
Obbo Dubbaalan Baankii biyyaalessaa waggoota shanii oliif bulchaaniiru. Kanaanis Bulchaa 7ffaa Baankichaa turan.
Obbo Dubbaala Jaallee ga'uumsa qabaniin Baankii biyyaalessaa kan bulchan bara sirsa ADWUI keessa yammuu ta'u akka isaan kanaan dura himanitti ga'uumsaafi kutannoo hojichaaf qabaniin muummicha ministiraa kanaan duraa Obbo Mallas Zeenaawiin falmaa turan.
Obbo Dubbaalan wal'aanamaa turanis irraa dandamachuu waan hin dandeenyeef Addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.
0 Comments