Oromiyaatti kan kuma 21 caalan adabamaniiru




Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 11/2015 (YMN) Hojjettoota Mootummaafi Hoggansa kenniinsa tajaajilaa danqan kuma 21 ol irratti tarkaanfiin fudhatameera
Naannoo Oromiyaatti Hojjettoota Mootummaafi Hoggansa kenniinsa tajaajilaa danquun uummata mufachiisan kuma 21 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksiiseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii sadarkaa sadarkaan jiru furuun naannichatti itti quufinsa maamilaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa jiraachus biirichi himeera.
Baatiwwan salgan darbe deeggarsaafi hordoffii itti fufiinsaan taasifameen namoota kuma 21 fi 195 kenna tajaajilaa danquun uummata komachiisan irratti tarkaanfiin of eeggannoo afaaniifi hojiirraa gaggeessuu fudhatamuu ibseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii furuufi kenniinsa tajaajilaa sirnaan hojii irra oolchuuf tarkaanfii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu Biiroon Kominikeeshinii beeksiseera.

Post a Comment

0 Comments