Oromoon rakkoo walitti hinta’u



Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 23/2015(YMN) Hangafti Saba Oromoo Booranni Sabni Oromoo akka Sabaatti rakkoo walitti hinta’u jedhee amana.Barri jijjiiramaa,guddinaafi babal’inni Teknooloojii dabalaa deemus Aadaafi safuun Saba Oromoo gonkumaa hinjijjiiramu.Tarii hammayyaa’aa akka deemu taasisuun nidanda’ama ta’a.Kan ta’aa jirus kanuma.

Aadaafi dudhaan ganamaa Oromoon duruu qabu sanuma.Wanti jijjiirame hinjiru.Akka sabaatti Oromoon hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu barbaada.Dudhaan hammattummaa isaa hundi ittiin isa beekus bakkuma durii sana jira,wanti jijjiirame hinjiru.

Aadaafi dudhaa kabajamaa jaalatamaafi bara baraan jiraatu kana irratti bu’uraa’uudhaan hooggansi jijjiiramaa gareewwan hunda wajjin mari’achuudhaan nagaan akka bu’uuf carraaqe.Carrqqiin hunda fulduratti taasises hanga tokko bu’aa qabatamaa argamsiiseeraafi.Dhugaa jiru fakkeenya kaasuudhaan ilaaluun barbaachisaadha.

Jaarsolii wayyaanee quufaan lapheen dhiita’ee waan ta’an wallaalan hundumaa waraanaan ‘likkittii galchuun’ hamma isaan gahan itti agarsiisuun xumura irratti akkaataa Itiyoophiyaan barbaadduun sanuu hooggansa Gamtaa Afrikaa jalatti mariin nagaa akka gaggeeffamu taasisuun waliiglteen nagaa Piriitooriyaa akka mallatteeffamu taasisuudhaan dhawaataanis wantoonni waliigalteerratti kaawwaman akka hojiirra oolan taasifamaa jira.

Wayyaaneen jaalattee miti,dirqamuudhaan taajjabdoota fuulduratti meeshaa waraanaa dabarsuudhaan mootummaa Federaalaatti kennite.Ammas waan hafe kennuun ishii kan oolu miti.Yeroosaa eeggatee hundumtuu raawwatamaa jira.Xumaura baatii Caamsaa ammaa kanattis meeshaaleen waraanaa hafan taajjabdoota duratti dabarsuudhaan kennitu akka jiran maddawwan odeeffannoo himaa jiru.Isaan barbaadanii fedhiidhaan akka kana hinrawwannee beekamaadha.Garuu ammoo waliigaltee addunyaa fuulduratti galmeessisantu isaan dirqamsiisa.

Kan isaanii xumura argateera.Haala qabatamaa amma jiruun achumatti walnyaachaafi walitti gaarreffachaa akka jiran himamaa jira.Namtichi Darabratsiyoon Gabramikaa’eel jedhamuufi miiltoowwan isaa Mojoriinoo(Fatilawarq Gabraugzaabeer) fa'i pirezidaantii yeroo Ca’uumsaa Getaachoo Raddaatti gufuu ta’uuf gungumaa akka jiran dhaga’ameera.Kan adabatee taa’uu dadhabe yeroosaatti gatiisaa argachuun waan hinoolledha.Amma humni mataa olqabatanii ittiin roorrisuu danda’an hinjiru.Mootummaan yeroo ce’uumsaa Naannoo Tigraay dhiyeenya hundeeffamuudhaan hojii eegales akkaataa mootummaan Federaalaa barbaaduun hindeemu taanaan bu’a qabeessa ta’uu hindanda’u.

Caasaan mootummaa ce’uumsaa Naannoo Tigraay amma jiru dhugaa kana waan hubatuuf akkaataa seeraafi hojmaataa qofaadhaan hojjeta jedhamee yaadama.Dhiibbaan irratti taasifamu akkuma jirutti ta’ee akkaataa kanaan hojjechaa jira jedhamee yaadama.Ummanni Naannoo Tigraay akka kanaan duraatti of dagata jedhamee hinyaadamu.Lammata waraanatti seenna jedhu yoo ta’e gonkumaa hinhayyamuuf.Humni waraanaaf ittiin onnatan waan jalaa burkutaa’eef isaanuu waraana biraa gaggeessuuf onnatu jechuun yaaduun rakkisaa ta’a.

Hidhattoonni naannolee biroo deeggarsa waayyaanneetiin onnatanii bosonatti galanis irra jiraansaanii mootummaatti araaramuudhaan karaa nagaatti deebi’aniiru.Gama kanaan milkaa’ina ol’aanaatu jira.Milkaa’inni kun akka galmeeffamuuf shoorri hidhattoonni Qimaant.Beeniishaangul Gumuziifi Gaambeellaa gumaachan guddaadha.

Gareewwan hidhattoonni kun akkaataa heerri mootummaa ajajutti karaa nagaa qofaadhaan socho’uuf murteessuun gara jireenya nagaatti deebi’uun isaanii sadarkaa guutuu biyyaatti nagaan amansiisaan akka bu’uuf shoorri gumaachu ol’aanaadha.Mootummaan Itiyoophiyaa hidhattoonni Oromiyaa keessa socho’anis carraa kana akka argataniif haala mijeessuudhaan carraaqqiin nagaa buusuu jalqabamee ture.

Akkuma beekamu mariin marsaa jalqabaa Zaanziibaaritti gaggeeffameera.Marii nagaa guyyoota sagaliif gaggeeffame booda bu’aan galmaa’e kan hunda gammachiisuu danda’u hinturre.Duuchumatti marii Zaanzibaariin dhimmoota tokko tokko irratti waliigaluun hindanda’amne mariin itti aanu itti fufa jedhamee gargar ba’ame.

Haala qabatamaa amma jiruun mariin nagaa marsaa itti aanuu waan gaggeeffamu hinfakkaatu.Gareen shororkeessaan Shaneen ykn. kan WBO jedhee of waamu balbala nagaa mootummaan Itiyoophiyaa bane cufaa akka jiru odeeffannoowwan mul’isan ba’aa jiru.Shaneen karaa badii kana maalif filate? jechuudhaan gaafachuun barbaachisaa taa’a.Haleellaan iddoowwan tokko tokkotti mariin marsaa duraa xumuramuu booda raawwataman dallansuu guddaa uumaniiru.Haata’uutii odeeffannoowwan dhaga’aman akka mul’isanitti balballi marii nagaatiif mootummaan Itiyoophiyaa bane hanga ammaatti hincufamne.

WBO/Shaneen haleellaa raawwachuun iddoowwan tokko tokkotti miidhaa hineegamne geessisaa kan jiru haal-dureewwan marii nagaa irratti kaawwatan mootummaadhaan akka fudhatama argatan yaaduudhaan akka ta’e dhaga’ameera.Shaneen mariin nagaa eegalamuu booda Godina Horroo Guduruu Wallaggaa naannawa warshaa sukkaaraa Finca’aafi naannawasaatti lubbuu namaafi qabeenya irratti miidhaa geessiseera.

Godina shawaa lixaafi Shawaa bahaa keessatti iddoowwan tokko tokkotti miidhaa qabatamaan mul’ate akka geessise hubatameera.Adeemsi kun ummata Oromootiinis ta’e mootummaa isaatiin kan fudhatama argachuu danda’u miti.Mootummaan Federaalaa mariin nagaa akka gaggeeffamuuf haala mijeessise miidhaan kun utuu gahaa jiru mariin nagaa akka itti fufu taasisa jedhamee hinyaadamu.

Sababa miidhaa WBO’n geessisaa jiruun mariin mira obbolummaatiin eegalame waan itti fufuu danda’u hinfakkaatu.Haal-dureewwan fudhatama argachuu hindandeenye dhiyeessuudhaan kanneen gufuu uuman seenaadhaanis ta’e Ummata Oromootiin booda itti gaafatamuun isaanii waan oolu hinta’u.Haal-dureewwan dhiyaatan keessaa muraasumaan tokko kaasuun haailaallumee!

Mootummaan Ce’uumsaa hundeeffamuu qaba(WBO)

Filannoon bu’ii ba’ii hedduu booda adeemsifame ummata miliyoonaan lakkaa’amu hirmaachisuudhaan mootummaan ummataa caaseeffamee hojjechaa jira.Filannoon seera qabeessi gaggeeffamee mootummaan erga hundaa’ee waggoonni lama darbaniiru filannoo itti aanuuf waggoota sadi qofaatu hafa.Guutuu Oromiyaatti ummanni Oromoo bakka bu’aasaa filateera.Kunis kan raawwaatame karaa Boordii filannoo Itiyoophiyaa seera qabeessa ta’eeni.Marii nagaa milkeessuudhaan filannoo itti aanu irratti hirmaachuun sagalee ummata Oromoo argachuu mannaa qaxxaa muraan taayitaa qabachuutu filatame.Kun dogongora guddaadha!

Kanaaf mootummaan Naannoo Oromiyaa amma jiru guutummaatti diigamee mootummaan Ce’uumsaa nuti hooggannu hundeeffamuu qaba jedhamee gaafatame.Kun ammoo mootummaa Itiyoophiyaatiin fudhatama argachuu hindandceenye.Sababa kanaan diddaa mootummaa humna qawweetiin fudhachiisuun danda’aamaaree?Akkamitti ta’uu danda’aa?Kanneen WBO hoogganaa jirra jedhan Sabaaf yaadu taanaan akkamitti karaa badii kana filachuuf onnatan?Silaa akka dudhaa,Aadaafi safuu Oromoon qabutti Oromoon rakkoo walitti hinta’u ture.Amma dudhaa Oromootu cabsamaa jira.Kana dura dhaabbachuun dirqama hundaa ta’a.Dhimma kana sirritti xiinxaluun barbaachisaadha.Dhimmicha irratti hubannoo gahaa argachuun akka danda’amutti itti fufiinsaan ilaaluun ilaafi ilaamee jechuun mari’achuun murteessaadha.Irratti mari’adhaamee! Itti deebina,fayyaa ta’aa!

 

 

 

 

 

 

Post a Comment

0 Comments