Finfinnee #Ethiopia Eebila 29/2015 (YMN) Diinagdee cimaa kan ijaarru Madaala Uumamaa eegne yoo hojjenne qofa jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.
Pirezidaantichi dhimma misooma Ashaaraa magariisaa irratti erga dabarsaniiru.Ergaan prezidaant Shimallis hawaasaaf dabarsan kan itti aanu kanadha.
Madaala Uumamaa eeguun hoji-manee dhalootni tokko qofti raawwatu qofa osoo hin taane,Irbuu Barootaaf dhaloonni wal harkaa fuudhaa itti fufsiisuudha.Uumamni mataa isheetiin madaala bu’uraa eegdee kan tolfamte yoo taates, Ilmi namaa Abbummaa fi Ol'aantummaa Uumama biroorratti qabu shaakaluuf, sirreessuuf ykn. akka isaaf taatuutti mijeessuuf tarkaanfiin gara garaa inni taasisu madaala Uumamaa irratti dhiibbaa geessisuun waan hafu miti.
Qabeenyi Uumamaa har’a nuti itti fayyadamnu kan dhalootni dheengaddaa fi kaleessaa sirnaan itti fayyadamanii nuuf dabarsan, nutis sirnaan itti fayyadamnee dhaloota itti aanuuf dabarsuu qabnu malee, qabeenya dhaloota tokkoo qofa miti. addatti dhaloonni qabeeenya uumamaa mataa isaa qabatee gara addunyaa kanaa dhufe hin jiru, gara fuulduraas hin jiraatu.kanaaf akkuma dhaloonni kaleessa sirnaan dhimma itti bahanii nutti laatan, nutis kunuunsinee fi eegnee, hanga dandeenye misoomsinee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama qabna. madaalliin Uumamaas yoo kuni ta’e qofa eegama.
Qabeenyi Uumama dhalootaa- dhaloota gidduutti gita sirriin eegamee yoo daddarbe qofa madaalli uumamaa kan eegamu. Galma diinagdee cimaa ijaarree hiyyummaa seenaa goona jennu qabatamaan seenaa gochuu qofa osoo hin taane, wal harkaa fuudhiinsa dhalootaatiin gadi fageessinee awwaaluu kan dandeenyu. Biyyoonni diinagdee gurguddaa ijaaran hedduun faalama qilleensaa diinagdeen isaanii uume too'achuu dadhabanii yaaddoo keessa jiru. nutis wayita diinagdee keenya guddisuuf karoorsinu karoorri keenya tarsiimoo fi sagantaa Diinagdee Magariisaa kan deeggaruufi kan wal simatu ta’ee hojjetamaa jira. Gama kanaan Qabeenya Uumamaa dhaloonni kaleessaa eeganii nuuf dabarsan nuti caalaatti kunuunsinee fi misoomsinee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf dirqama dachaa qabnu hubannee Sagantaan Ashaaraa Magariisaatiin kaayyoo qabannee milkeessuuf hojjechaa jirra.
Biqiloonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darbaniif akka naannoo keenyatti dhaabaman faayidaa jijjiirama qilleensaa qofaaf yaadamani kan dhaabaman hin turre, Kuduraa fi Muduraa nyaataaf oolanii fi gabaaf yoo dhihaatan madda galii Hawaasa keenyaa ta'an hedduunis dhaabamaniiru. Biqiloonni kun ammatti diinagdee keenya jajjabeessaa kan jiran yoo ta'u, itti fufiinsaan immoo kaayyoo guddaa jalqabaa; madaala Uumamaa keenya eeguuf nu gargaaru. Biqiltuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman jijjirama qilleensaa qolachuun madaalli Uumamaa naannoo Keenyaa fi biyya keenyaa akka eegamu taasisu.
Madaalli Uumamaa yoo eegame qofa Diinagdeen fayya qabeessi(Diinagdeen Magariisaa) dhugoomuu danda’a.kanaafis madaala Uumamaa eeguun barbaachisaadha!
0 Comments