Qoqqobbiin yeroo buufaticha irratti murtaa'e ka'eera


Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 18/2015(YMN) Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa buufata Televizyinii Waldaa qulqullootaa bataskaana Tawaahidoo Ortodooksii Itiyoophiyaa irratti torban darbe keessa yeroof itti murteesse har'a Caamsaa 18 bara 2015 kaaseera.

Abbaan taayichaa xalayaa qoqqobbiin yeroof murteeffamuusaa mul'isuuf barreesseen dogongorri uumame seera bulchiinsa keessaatiin akka sirraa'u waan himameef qoqqobbiin yeroof murteeffame ka'eera jedheera.

Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa dilbata darbe Caamsaa 13 bara 2015 buufatichi tamsaasaa akka dhaabuuf kan murteesse gabaasa hookkara kakaasu waan qilleensarra oolcheef akka ta'e himuunsaa niyaadatama.




Post a Comment

0 Comments