Finfinnee #Ethiopia
Caamsaa 10/2015(YMN) Ummata Goondar bakka bu’uun Miseensa mana marii bakka bu’oota
ummataa ta’uuf carraa kan argate Kiristiyaan Taaddala mana marii keessa taa’uudhaan
waan baay’eedhaan daangaa darbeera.
Kanaan dura
muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiin maalif taayita gadi hinlakkiftuu? jechuun
adda babayii irratti gaafatee deebiin kennameeraafi.Namtichi kun gaaffii kana
kan gaafate ergama humnoota alaa isa ergatan galmaan ga’uuf akka ta’e
nibeekama.
Tuttuqaan karaa
namicha kanaatiin raawwatamaa jiru balaa guddaa fidee dhufuu danda’a.Manni
marii bakka bu’oota ummataa nama kana abboommachuu qaba.Seeraafi qajeelfama
ittiin bulmaata miseensoota mana marii bakka bu’oota ummataa cabsuudhaan utuu
socho’aa jiruu cal jechuudhaan bira darbuun boodarra maalif mana kanaa
hinbaatanii?maal gootu asii? jedhee akka isaan gaafatuuf haala mijeessuufii
danda’a.
Kun miseensa mana maree miti.Naamusa miseensummaa mana mariis hinqabu.Kashlabbee namaati.Kashlabbeetu dubbii barbaacha oliif gadi fiigaa oola.Kanaan duras waan baay’ee jedheera.Ammas jechaatuma jira.Kan tibbana karaa miidiyaa hawaasummaa isaatiin jedhe ammoo kan nama ajaa’ibsiisudha.
Kiristiyaan Taaddala akkana jechuudhaan miseensoota hawaasa daayaaspooraa shoorokeessitummaadhaan beekkaman deeggareera,jajjabeesseera 'Miseensoonni daayaaspooraa tarkaanfii mootummaa faashistii mormuudhaan qabsoo cimaa taasisaa jirtaniin akka bakka bu'aa ummataa tokkottiin beekkamtii kennaaf.Gaaffiiwwan haqaafi walqixxummaa ummata keenyaatiif ambaasaaddara ta'uudhaan qabsoon qindaa'aan taasisaa jirtan qabsaa'oota demokraatwa hunda biratti kabaja kan qabuufi qabsoo ummata keenyaa keessattis iddoon addaa kan kennamuuf akka ta'e isiniif mirkaneessuun barbaada.Faashitiin yoo barbadaa'u du'aa ka'uun Itiyoophiyaa nijalqaba' jedhee barreesseera.
Mana marii
bakka bu’oota ummataa keessa taa’uudhaan humnoota shoroorkeessitoota biyya alaa
taa’uudhaan mootummaan Itiyoophiyaa taayitaa irraa akka fonqilfamuuf halkanii
guyyaa hojjechaa jiran akkamitti deeggaruufi jajjabeessuun danda’amaa?Seerri
farra shororkaa kanaan dura mana marichaatiin ragga’e gocha akka kanaa kan
dhorkudha.Kiristiyaan Taaddala waa’ee seera kanaa quba hinqabuuyii?Moo tubbii
baretu mataarra isa kore?
Miseensoonni
mana marii bakka bu’oota ummataa nama kana gorfadhaa!Ta’uu baannaan miidhaan
isarra ga’uu danda’u ulfaataadha.Diina alaa asnutti bookkisaa oolu deeggaruufi
jajjabeessuun meedaallii kamiiniyyuu fudhatama hinqabu.
0 Comments