Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 16/2015(YMN) Biiroon dhimmoota komunikeeshinii Oromiyaa kaleessa ibsa baaseera.Ibsi biirichaan kenname waa'ee tokkummaafi sab-daneessummaa irratti kan xiyyeeffatedha.
Ergaan guutuun ibsa biiroo komunikeeshinii Oromiyaa kan itti aanee jiru kanadha dubbisaa!
Itiyoophiyaan biyya sabootaa, sablammootaafi uummatootaa eenyummaa, afaaniifi amantaa gara garaa qaban, biyya hundaan hundaaf ijaaramaa jirtudha.
Saboonniifi sablammoonni Itiyoophiyaa hacuuccaa sirnaafi namtolchee mormuun mirga ofiin of bulchuu, gaaffii lafaafi dimokiraasii gonfachuuf qabsoo wareegama gurguddaa gaafate taasisaa turaniiru.
Saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itiyoophiyaa qabsoo hadhaa'aa waggoota hedduu lakkoofsise taasisuun sirnoota bulchiinsa uummata Itiyoophiyaa hin madaallee fi hiyyummaafi gadadoo jalatti gaadi'anii kaa'an duraa duubaan ofirraa diigaa ajandaawwan qabsoo uummattootaaf deebii kennaa mootummaa isaanii sagalee ofii isaaniitiin ijaarrachuu irra ga’aniiru.
Mootummaan uummataa uummataan uummataaf hundaa'es waldhabdeewwan siyaasaa hunda araara biyyaalessaan hiikuuf akkasumas gaaffii sabootaa, sablammootaafi uummattootaa bu'uura heera mootummaan deebisuufi sirna federaalizimii sabdaneessa duudhaa obbolummaa irratti ijaarame jabeessuun sabdaneessummaa, aad-daneessummaafi af-daneessummaa mirkaneessuun duudhaa obbolummaan idileessee sirna dimokiraasii jabaa dhugoomsaa jira.
Sirna Federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubamee fi duudhaa obbolummaa irratti ijaaraa kan jiru, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa fiixaan baasuuf qabsoofi wareegamni Oromoon gama hundaan taasisaa tureefi jiru angafummaa kan qabuufi birmadummaa Itiyoophiyaas milkaa'inoota hedduun dabaaluun guutuu taasisaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas injifannoo wareegama qaqqaalii kaffalameen argame kana falaasama Ida’amuun utubamee obbolummaafi wal qixxummaan mirkanaa’ee galma barbaadame akka ga’uuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetaa jira.
Kanaafis, duudhaa ganamaatti deebi’uun tokkummaa keessoo Oromoo jabeessuuf xiyyeeffannoo guddaan kennameera.
Uummanni Oromoo aadaa gabbataa ilaaf ilaameen qormaata jiru hunda damdamachuu danda'u, rakkoo jiru mariin hiikuun tokkummaa keessoo isaa akka sibiilaatti jabeessuun barbaachisaadha.
Bakka tokkummaan hin jirretti nageenya waaressuun, dinagdee jabeessanii biyya utubuufi obbolummaa cimsuun rakkisaadha.
Keessumaa yeroo ammaa kana uummata Oromoo tokkummaa keessoo jabaa qormaata itti aggaamamu injifachuun kabaajaafi ulfina Oromoo ceesisu danda'u horachuun dirqama ta’a.
Kanaafis Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddummaa Oromoo maqaa qofaan osoo hin taane gochaan adda hunda irratti mirkaneessuuf hojiin eegale daran jabeessee itti fufa.
Kanaafis duudhaan wal danda’uu, hammachuufi michoomni Oromoon saboota biroo waliin qabu daran cimaa eenyummaan waloo biyyaalessaa akka gabbatu taasisuu irratti argama.
Milkaa’ina kana cimsuufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa keessoo Oromootti nageenyi, misoomniifi aadaan ilaaf ilaamee akka ititu tokkummaa uummata keenyaa daangaa hanga daangaatti jabeessuu, dhimma waloo Oromoo garaagarummaan akka hin jiraanne dhaloota kan darbe xiinxalee har'a hubatee egeree tilmaamuu danda'u, dhaloota madaala eenyummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa eegee biyya jabduu badhaadhina hundagaleessa mirkaneeffatte ijaaruuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechuu irratti argama.
Waan ta'eef qaamoleen siyaasaa, dhaabbileen siivikii, hayyoonni Oromoo dhimma waloo sabaafi tokkummaa keessoo jabeessuu irratti garaagarummaa tokko malee hojjechuun nageenya naannoo keenyaafi biyyaa waaressuun araarri biyyaalessaa akka milkaa'u gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyessina.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
0 Comments