Abbaa seeraa Salamoon Araddaa mana murtee idil addunyaatti hojii jalqabaniiru




Finfinnee #Ethiopia Waxabajii 14/2015(YMN) Kanaan dura itti aanaa pirezidaantii mana murtee waliigalaa Federaalaa turan,obbo Salamoon Araddaa.
Itti aanaa addee Ma'aazaa Ashannaafii ta'uun biyya isaanii tajaajilaniiru.Sadarkaa idil addunyaatiin erga filatamuun isaanii mirkanaa'ee booda fedhii isaaniitiin taayitaa qaban gadi lakkisuuf akka murteessan beeksisuun mootummaa Itiyoophiyaatti xalayaa taayitaa gadi lakkisuu dhiyeeffatan.Mootummaan Itiyoophiyaatis gaaffiisaanii fudhachuudhaan hayyameef. Akkaataa kanaan Addunyaa tajaajiluuf carraa argataniiru.Abbaa seeraa mana murtee idil addunyaa ta'uun dhiyeenya kana kan filataman Obbo Salamoon Araddaa barreessaa muummee dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guterees fuulduratti waadaa galuun hojii jalqabaniiru.
Dhaabbilee idil addunyaa keessatti lammiiwwan Itiyoophiyaa carraa hojii argachuun hojjechuu danda'uunsaanii waan jajjabeeffamuu qabudha.Akka waliigalaatti faayidaan kan dhuunfaa qofa hinta'u.Biyyis akka biyyaatti irraa fayyadamti.Kan biraa hafee maqaan lammummaatuu yeroo ka'utti lammii Itiyoophiyaati,dahalata Oromooti jedhamee yeroo himamutti kabajini argamsiisuu danda'u guddaadha.Yeroo hojii milkaa'aa hawwinaaf! 

Post a Comment

0 Comments