Finfinnee #Ethiopia Caamsaa 24/2015 (YMN) Poolisiin Federaalaa qaamolee itti yaadanii odeeffannoo sobaa tamsaasanirratti tarkaanfii fudhachuu cimsee kan itti fufu ta’uu himeera.
Jijjiirama biyyaalessaa hordofee mootummaan gaaffilee ummaataatiif deebii kennuuf tarkaanfiwwan fudhataa jiru keessaa tokko bakka mirgi namoomaa itti sarbamaa ture jiddu gala qorannoo yakkaa cufuu aka te'e eereera.
Kana booda Poolisiin Federaalaa hojii qorannoo yakkaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu taasiisuuf jijjiirama bu’uuraa gaggeessuun kan yaadatamudha.
Haa ta’uutii tibbana namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasummaatti fayyadamuun olola sobaan Poolisii Fedeeralaattii Ajajni qorannoo yakka waliigalaa, shakkamtoota irratti sarbama mirga namoomaa raawwateera jechuun maqaa gaarii dhaabbatichaa balleessaa akka jiran himeera.
Namonni kunneen kanneen yakka shororkeessummaan shakkamanii barbadaman keessaa isaan tokko ta’uu himeera.
Namoota dhuunfaa yakka shororkeessummaan shakkamanii too'annoo jala oolan irratti qorannoo gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf carraaqqi taasifamaa jiru ta’uus hubachiiseera.
Haa ta’uu malee Poolisiin Fedeeralaa Qorannoo shororkeessitoota irratti eegalee daran cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, hawaasni olola sobaatiin utuu hin burjaajai’in odeffaannoo sirrii qaama dhimmi ilalaatu irraa argachuu akka danda’u yaadachiisuu odeeffannoon Poolisii Fedeeralaarra argame mul'iseera.
0 Comments