Muummichi ministiraa Abiy Ahmad ergaa baga geessanii dabarsan

 



Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 20/2015 (YMN) Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahmad Ayyaana Iidal Adahaa boru kabajamu ilaalchisee ergaa bagaa ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Iidal Adahan ayyaana Musliimoonni kabajaa olaanaa fi jaalala guddaan kabajan, ayyaanaa aarsaa ta’uuti jedhaniiru.
Ayyaanni kun bu’uuraalee Islaamummaa shanan keessaa tokko yoo ta’u, Musliimni kamiyyuu hanga humni isa danda’ee bara jireenyaa isaa keessatti yoo xiqqaate si’a tokko gara Makkaatti imaluun dirqama kab bahatu ta’ee sirna Hajjii itti raawwatuu boqonnaa isa olaanaadha jedhaniiru.
Arafaan guyyaa dhalli namaa Uumaa fi amantii isaatiif jecha qoramsaa simatu, wareegamuu hinbarbaachifneef eeyyamummaa kan itti yaadannu, kabajnuu fi guyyaa itti leellisnuudha jedhan.
Yeroo Rabbiin, Nabi Ibraahimiin ilma kee aarsaa naaf dhiyeessi jedhee ajajuun, Nabi Ibraahim gaddi abbummaa isaan hin mo'anne, Jaalalli daa'immaa isaan hinhawwisiisne, manni isaanii diigamuutti hinyaadda'in, wanti hundinuu ajaja uumaa hincaalu waan ta’eef ilma isaanii tokkicha Ismaa’eeliin wareeguuf ka’an.
Ilmi isaanii Ismaa’eelis aarsaaf qophii ture.
Kanaaf ayyaana Iidal Adaha Ayyaana Aarsaati ta’u ibsan.
Ityoophiyaanonni, seenaa Islaamaa durii kanarraa waan guddaa lama baranneerra kan jedhan Muummeen Ministiraa, akkuma warqeen ibiddaan qoramu, namoonnis yeroo rakkisaatti ni qoramuu himaniiru.
Akka Ismaa’eel waan qabu hunda kennee wareegamaaf kan murteeffate, qormaaticha darbee, seenaa guddaa barreessee, yaadannoo akka Iidal Adaha kaa’ee, bara baraab yaadatamaa akka jiraatu dubbataniiru.
Kan wareegamaaf ija hin jabaanne, ulfina irraa fagaatee, seenaarraa haqamee akka dhukkee ta’ee bada.
Barumsi inni lammataa immoo galama olaanaa bira kan ga’amu waan aallatanillee utu hinhafne dabarsanii kennuun ta’uu ibsaniiru.
Nabi Ibraahim Ismaa’eliif jaalala hinmadaalamne qabuuf turaan jedhan.
Kaayyoon isaanii inni guddaan garuu fedha uumaa isaanii Rabbii raawwachuu akka ture eeran.
Kaayyoo kana galmaan ga’uuf jecha, lafarratti qabeenya isaanii isa olaanaa akka ta’etti kan ilaalan Ismaa’eeliin aarsaa gochuuf murteessan.
Ayyaannii aarsaa kun guyyaa addaa kabajamu kanatti Ityoophiyaanonni “Baga ittiin isin gahe”waliin jechuu qofaa utuu hintaane, barnoota lamaan akka hubatan imaanaa jedhaniiru.
Kaayyoo olaanaaf qoramuu, dhimmaa cimaaf wareegama kaffaluuf qophaa’uu, sona namoonni guguddoon raawwatanii fi seenaa hojjetaniidha.
Kaayyoo olaanaaf jecha kan jaallatanillee wareeguuf kutannoo qabaachuun, addunyaa jijjiiruuf warri seenaa hojjatan hundi kan raawwataniidha jedhan.
Biyyi keenyatti yeroo garaagaraatti rakkoolee mudachuun ni beekama.
Qormaatileen waan darbaman hinfakkaanne yeroo yeroon fuulleffataniinis, rakkoolee fi qormaatilee dabareen darbuun fuulduraatti tarkaanfachaa jiraachuu kaasaniiru.
Wayita rakkoo fi gidiraan baayyate lammiileen aarsaa dhumaa kaffaluuf duubatti hin jedhan, qabeenya isaanii qofa osoo hin taane aarsaa lubbuu laachuuf of duuba hin ilaalan jedhan.
Ityoophiyaa kan asiin ga’es aarsaa ijoolleen ishee kaffalaniin ta’uu isaaniin seenaa yeroo hunda yaadatamuudha jechuun ibsaniiru.
Lammiileen Ityoophiyaa jaalala biyya isaaniif ni wareegamu.
Har’a ayyaana wareegamaa guddaa kanaan hunda kajabaan yaaddanna.
Aarsaa malee biyyi biyyi guddatte fi ummanni badhaadhe hin jiru jedhan.
Sadarkaan guddina addunyaa hundi bu’aa wareegamaa ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa har’a irra geenyeef lammiileen hedduun lubbuu isaanii fi waan jaalatan hunda wareeganiiru jedhan.
Jiraachuu caalaa kaayyoof lubbuu qaalii wareeganiiru jechuun ibsaniiru.
Biyyi biyya kan taatu wayita ijoollee biyyaaf jecha yeroo, humna, meeshaalee, akkasumas aarsaaf dhiyaatan hedduu yoo horatteedha jedhan.
Tokko tokkoof du’uun, waliif kennuun; Waliif qooduun,Inni tokko kan biraaf wareegamuun qaroomina addunyaa bu'uura cimaarra dhaabuu ibsaniiru.
Bakka wareegamni jiru Jibbiinsi, walitti bu’iinsi fi wal dhiibuun hin jiraatan.
Bakka aarsaan Jaalala guddaan jirutti jibbiinsa lallabuun haraama ta’uu kaasaniiru.
Qoodinsaa fi wal dhiibuu lallabuun yaraa ta’uu eeraniiru.
Ityoophiyaan yeroo ammaa kan barbaaddu jaalalaa fi tokkummaa ummata ishee ta’uu ergaa isaaniin dabarsaniiru.
Musliimoonni addunyaa mara irraa dhufan Tulluu Arafaa bakka Addaamii fi Hewwaan Jannata keessaa erga ari’amanii itti wal arganitti tokkummaan ayyaana Iidal Adahaa kabaju.
Maddaan, halluun, lammummaan fi eenyummaan gargar ta’anis hundi isaanii Musliima ta’uu isaanii qofa yaadu jedhan.
Waan gargar ta’an cinaatti dhiisuun, kaayyoo itti wal arganii fi walitti hidhaman qofa yaaduun tokko ta’u jedhan.
Nutis walqooduu, wal dhiibuu, wal shakkuu osoo hin taane , walitti tumsu, walitti sassaabbamuun fi walgargaaruuf dura laachuun ummataa guddaa haa taanu jedhan.

Post a Comment

0 Comments