Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 02/2015(YMN) Naannoo Oromiyaatti sagantaa misooma Ashaaraa magariisaa baranaatiin karooraa ol biqultuun biliyoonni 5 akka dhaabamu pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob.Shimallis Abdiisaa himan.
Pirezidaantichi ergaa har’a karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin muuxannoon waggoota afran darban argame,hoggansa sadarkaan kenname akkasumas kutannoo ogeeyyiin argisiisanirraa irraa kan ka'e karoora ol raawwachuun biqiltuu gosa adda addaa biliyoona shan dhaabbiif qophii taasisuun danda'ameera jedhaniiru.
Obbo Shimallis ergaa isaanii kana irratti akka eeranitti Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa Bara kanaatin Biqiltuu gosa adda addaa Biliyoona 4fi miliyoona 900 qopheessuun biqiltuu bil. 4.5 dhaabuuf karoorfannee ture.
Bilqiltuu barana dhaabbiif qopha'an keessaa dhibbentaan 10 muduraalee gosa adda addaa akka ta’an pirezidaant Shimallis himaniiru.
Qophiin bool’a Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa haala gaariin gaggeeffamaa jira kan jedhan pirezidaantichi,hawaasni keenya marti,tokkummaadhaan bahuun biqiltuu qophaa'e hunda akka dhaabuufi akka kunuunsu kan abdatan ta’uusaaniis himaniiru.
Milkaa'ina hanga ammaatti argameefis ta'ee hojii gara fuula duraa maraaf maqaa koo fi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isin galateeffachuun barbaada kan jedhan pirezidaant Shimallis’Egeree Keenyaa hardha haa dhaabnuu!’jechuun dhaamaniiru. #itiyoophyaa
Read & visit more:
Facebook page: https://www.facebook.com/Yaadimedianetwork
Facebook page: https://www.facebook.com/Itiyoophiyaakoo
Twitter: https://twitter.com/Qaroomina
Telegram: https://t.me/yaadimedianetwork
Instagram: https://www.instagram.com/yaadimedianetwork/
Linkdein: https://www.linkedin.com/in/yaadimedia/
Pinterest: https://www.pinterest.com/Yaadimedia/
Tik Tok: https://www.tiktok.com/@yaadimedia1/
0 Comments