Pireezidaanti Shimallis Ayyaana Iidal Adahaa ilaalchisuun ergaa dabarsan

 



Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 20/2015 (YMN) Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hordoftoota Amantaa Islaamaan baga Ayyaana Iid Al Adahaa Waggaa 1444ffaa Nagaan Geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.
Guyyichatti hawaasni Musliimaa gaarummaa fi jaalala dhugaa waliif agarsiisuun kabajuu akka qabu dhaamaniiru.
Guutuun ibsa isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.
Ayyaanni Iid Al Adahaa (Arafaa) ayyaana guddaa fi kabajamaa yemmuu ta’u, hordoftoota amantichaa biratti guyyaa aarsaa fi araaraa jedhamuun kan beekamudha.
Guyyaan kabajamaan kun guyyaa Nabi Ibraahiim ilma isaa umurii manguddummaa waggaa 95 booda argate Ismaa’eeliin aarsaaf akka dhiyeessuuf ajajni itti dhufe yemmuu ta’u, Nabi Ibraahimis ejjannoo cimaa fi kutannoo ol’aanaa amantaa isaa irratti qabu irraa ka’uun ajaja Rabbiin biraa itti dhufeef mamii tokko malee hayyamamaa ta’ee ilma isaa tokkicha kan ta’e Ismaa’eliin ajaja Rabbii dhugoomsuuf aarsaadhaaf kan itti qopheessedha.
Ismaa’elis murtoo abbaa isaatiif abboomamuun ajaja Rabbii kabajee onnee guutuudhaan ajaja kana raawwachuun aarsaa of goochuuf murteessee guutummaattis of kenne.
Raawwii ajaja Rabbi guddaatiif qophaa’ummaa qaban ifatti kan agarsiisan Nabi Ibraahim harkifannaa tokko malee ilma isaanii tokkicha aarsaa gochuun ajaja Rabbii guutuuf Ismaa’eliin Gaara Arafaatti ol baasuun yemmuu qajeelchan abbaa rahmata bal’aa kan ta’e Rabbi guddaan aarsaa Ismaa’eliif qophaa’e Hoolaa qalmaatiin bakka buusee Ismaa’eliin du’arraa baraaruun rahmatummaa isaa agarsiise.
Taateen kun ajaja Rabbiitiif abboomamuun kabaja ta’uu kan agarsiisee fi rahmatummaan Rabbiis bal’aa akka ta’e mirkaneessuudhaan gamatti kabaja guyyaa Iid Al Adahaa (Arafaatiif) bu’uura guddaa kaa’uu danda’eera.
Abboommiin Nabi Ibraahim Rabbi biratti kabaja argatee araara fi dhiifama argamsiisuun rabbiif abboomamuu fi ajaja isaatiif bitamaa ta’uun milkaa'ina akka nu goonfachiisu, darbees daandiin araaraa daandii injifannoo waaraa ta’uu isaa kan agarsiisudha.
Akkuma Nabi Ibraahim ajaja Rabbii isaa guutee araaraa fi dhiifama argate qajeeltoo amantaa Islaamaa kan ta’e jaalala labsuu, tokkummaa jabeessuu, nageenya mirkaneessuu, obbolummaa dagaagsuu fi tola ooltummaa aadessuudhaan daandii milkaa'inaatti waliin qajeeluun ergama guddaa hordoftoota amantaa Islaamaa fi lammiilee biyya keenyaa hunda irraa eegamudha.
Murtoon cimaan Nabi Ibrahim ajaja Rabbii guddaa guutuuf murteessan daandii qajeelummaa qabannee fi itti amanne irratti aarsaa kamuu kaffaluuf qophaa'oo ta'uu akka qabnu kan nu barsiisu, araarri Rabbiin biraa bu'e ammoo waliif dhiisuu, obsaa fi araara dhugaa mirkaneessuun injifannoo kan nama gonfachiisu akka ta'e kan akeekudha.
Uummanni keenya sadarkaa garaa garaatti argamu hundi duudhaa gaarii fi barsiifata daandii injifannootti nama geessu kana qaama jiruuf jireenya isaa godhachuudhaan balbala araaraa fi dhiifamaaf baname qixaan fayyadamuu, tokkummaa fi obbolummaa dhugaatiin wal cinaa dhaabbachuun daran murteessaadha.
Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa kanatti gaarummaafi jaalala dhugaa waliif agarsiisuu, kan hin qabne waliin maaddii qooddatanii waliin nyaachuun, isa rakkate gargaaruu fi kan dheebote obaasuun hojii eebbifamaa guyyaa kabajamaa kanatti kabaja addaa dabaalan waan ta'aniif hawaasni Musliimaa hunduu ayyaana baranaa gocha eebbifamaa kanaan dabaalee kabajuutu irra jiraata.
Akkuma Nabi Ibraahim ajaja rabbii guutuuf of irratti murteessee murtii Rabbi isaa guutee ittiin milkaa’etti hawaasni Musliimaa qajeeltoo amantichaa kan ta’e daandii dhugaa fi haqaa qabatee tokkummaa fi obbolummaa dhugaa waaressuu, nagaa fi tasgabbii biyyaa itti fufinsaan mirkaneessuu akkasumas misoomni jalqabame gama hundaan akka milkaa’uu fi waliin jireenyi uummattoota biyya keenyaa daran akka cimuuf gahee adda durummaa bahachuun barbaachisaadha.
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa hundi har'as akkuma kaleessaa hojii gaarii hojjechaa turtan daran itti fufsiisuun imala jijjiiramaa biyya keenyaa ariitiin fuula duratti tarkaanfachiisuu fi mul’ata badhaadhina waloo dhugoomsuuf taasifamaa jiru qindoomina olaanaan akka hojjettan, tokkummaa cimaadhaanis akka dhaabbattan waamicha koo dhiyeessaa irraa deebiin Baga Ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa ) waggaa 1444ffaa nagaan geessan, baga waliin geenye jechuun barbaada.
Eid Mubaarak!
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa,
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Waxabajjii 2015
Finfinnee

Post a Comment

0 Comments