Tarkaanfii gaarii jajjabeeffamuu qabuufi hundi irraa fayyadamudha

 



Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 04/2015(YMN) Marii ummanni Tigraayiifi Amaaraa irraa fayyadamutu gaggeeffafe.Tarkaanfii gaariifii jajjabeeffamuu qabudha.

Rakkoo waraana suukaneessaa sana keessa mudate wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu haalli amma jiru kun niuumama jedhamee kan yaadamuu danda'amu miti.

Har'a rakkoon ummata Amaaraafi Tigraay jidduu jiru fala waaraa akka  argatuuf bu'urri cimaan waan kaa'ame fakkaata.Hooggansi naannolee lamaanii waltajjii tokko irratti walgayee mari'achuu danda'uun tarkaanfii guddaafi seena qabeessa kan jedhamuu danda'udhaa.

Walatajjii marii har'a Magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffame irratti pirezidaantiin yeroo ca'uumsaa Naannoo Tigraay obbo Getaachoo Raddaa garaa garummaawwan jiraatanis garaa garumaawwan jiran ummata Amaaraafi Tigraayii gadidha jedhaniiru.

Obbo Getaachoon dhugaa kana kan himan waltajjii marii bakka bu'oota hawaasa naannoo Amaaraa wajjin taasifame irrattidha.

Waltajjii kana irratti obbo Getaachoo Raddaa filmaanni nagaa gatii hingaafanne utuu jiruu sababa beela waldhabdee namoota siyaasaatiin miidhaawwan hedduun akka mudatan mirkaneessaniiru.

Garaa garummaawwan jiraatanis garaa garummaawwan jiran ummata Amaaraayi Tigraayii gadi akka ta'an himuudhaan amma boqonnaa waraanaa cufuudhaan yeroo filmaata nagaa itti ilaalludha jedhaniiru obbo Getaachoon.

Kanneen ajandaan hookkaraafi jeeqamsaa itti mul'atu jiru,garuu ummataaf yaaduudhaan kan hojjennu yoo ta'e Nagaadhaan ala filmaata fooyya'aa hinqabnu jechuun himaniiru.



Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Dr.Yiliqaal Kaffaala gamasaaniitiin 'Garaa garummaa jiru karaa seeraa,nagaafi mariidhaan hiikuuf Ummanni Amaaraa fedhii qabu' jedhaniiru.

Ummanni Nananoo Amaaraafi mootummaan Naannoo Amaaraa filmaata Nagaatiif qophaa'aa akka ta'anis pirezidaant Yiliqaal mirkaneessaniiru.

Quunnamtiin ummataa haala kanaan duraatti deebi'uu qaba,Sochiin geejibaafi daldalaa eegalamuu qaba kan jedhan Dr.Yiliqaal Kaffaala walkabajaafi waldhaggeeffachuun garaa garummaa qabnutti fala argamsiisuu qabna jedhaniiru.


Hooggansi siyaasaa quunnamtii Nagaa eegale kana abbootiin amantaa,manguddoonni biyyaa keessumattuu ummattoonni naannolee lamaanii naannawa daangaa jiraatan cimsuudhaan akka itti fufaniifis pirezidaant Yiliqaal waamicha dhiyeessaniiru.

Tarkaanfii hooggansi Naannoo Amaaraafi Tigraay har'a jalqaban kana gama hundumaanuu jajjabeessuufi deeggaruun faayidaa biyyaa kan eegsisuu danda'udha.Akkuma beekamu humnoonni waldhabdeen naannolee lamaanii finiinee akka itti fufu barbaadan jiru.Mariin har'a Magaalaa Baahirdaaritti hooggansi Naannoo Amaaraafi Tigraay gaggeesse kun isaanitti hintolu.Faayidaa jeeqamsaan argatan jalaa hanbisa waan ta'eef walitti dhufeenyi gaariin eegalame kun babal'atee bu'ura amansiisaa akka hinqabaanneef sababoota adda addaa uumuudhaan gufachiisuurraa duubatti hinjedhan waan ta'eef humnoota faallaa deeman qolachaa jalqabbii gaarii kana jajjabeessuudhaan akka itti fufu taasisuun barbaachisaadha.



Post a Comment

0 Comments