Finfinnee
#Ethiopia Waxabajjii 04/2015(YMN) Mootummaan Federaalaas ta’e Mootummoonni Naannolee
ol’aantummaan seeraa akka kabajamuuf itti fufiinsaan hojjechuu qabu.Seera
kabajisiisuun dirqama yeroo hundaa ta’uutu irra jiraata.Qabaa-gadhiisaa
deemuun bu’aa itti fufiinsa qabu
argamsiisuu hindanda’u.Haalli kun ammoo kanaan dura qabaatamaan ta’ee mul’ateera.
Fakkeenyaaf
ijaarsi seeraan alaa akka dhaabbatuuf tarkaanfiin fudhatamu takka ho’aa,takka ammoo
qabbanaa’aa deema yoo ta’e kanneen goocha ijaarsa seeraan alaa irratti bobba’an
onnachaa deemuun dhawaataan mootummaa tuffatu.Mootummaan homaa hingodhu jechuun
kanneen ijaarsa seeraan alaa irratti hirmaatan baay’eedha.Gocha kanaan biyyi
keenya nimiidhamte malee hinfayyadamne
Waggoota darban
keessa kan qabatamaan ta’ee mul’ate kanadha.Mootummaan akka tuffatamu kan
taasisan ammoo caasuma mootummaa keessa jiru.Faayidaa dhuunfaa argachaa galii
seeraan alaatiin of gabbisaa mootummaan akka tuffatamu taasisuun kanneen humna
maallaqaa qaban akka barbaadanitti gocha ijaarsa seeraan alaa irratti akka
bobba’an taasifameera.
Waggoota darban
keessa keessumattuu magaalota gara garaa keessatti ijaarsi seeraan alaa babal’achaa
kan deeme walitti hidhamiinsa namoota caasaa mootummaa keessa jiraniifi namoota
seeraan ala badhaadhuuf socho’aniin taasifameen akka ta’e beekamaadha.
Haala qabatamaa
amma jiruun kutannoon mootummaan gochoota seeraan alaa qolachuufi hanga
dhumaattis dhabamsiisuu mul’achaa jira.Keessumattuu sochiin Magaalaa
Finfinneefi Naannoo Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru akka fakkeenyaatti ka’uudhaan
eeramuu kan danda’udha.
Tarkaanfiin
ijaarsa seeraan alaa bulchiina Magaalaa
Shaggaritti raawwataman irratti fudhatame kutannoo mootummaan qabu kan mul’isedha.Kutannoon
mootummaan mul’ise kun ammaan booda ijaarsi seeraan alaa akka hinraawwatamneef
balbala adeemsa seeraan alaa kan cufedha jechuun nidanda’ama.
Namoonni
faayidaa dhuunfaa kabajisiifachuuf caasaa mootummaa keessa dhokachuudhaan socho’an
ammaan booda akka kanaan duraatti onnatanii deemu jechuun hindanda’amu.Haala
kana kan uume kutannoo mootummaan mamii malee mul’isedha.
Bulchiinsa
Magaalaa Shaggaritti tarkaanfiin mootummaan Naannoo Oromiyaa ijaarsa seeraan
alaa irratti fudhate hanga tokko waca kan uume ta’ullee gama fala waaraa
argamsiisuutiin shoorri gumaachu ol’aanaadha.Ijaarsa seeraan alaa duuba shirri
siyaasaa akka jiru hubachuudhaan shiroota shiraman tarkaanfii seera qabeessaan
kukkutuun sirriidha,barbaachisaadha.Mootummaan waanumma irraa eegamu raawwate
waan ta’eef kan deeggaramudha.
Bulchiinsa
Magaalaa Finfinnee keessatis kutaawwan magaalaa gara garaa keessatti sababa hojii
daldala xixxiqqaatiin ijaarsawwan seeraan alaa daandiirratti raawwataman akka
diigamman taasifameera.Akka himamaa jirutti manneen xixiqaa daldala xixiqaaf
ijaaraman da’eeffachuudhaan gochoonni sochii fonqolcha mootummaatiif deeggarsa
taasisan raawwatamaniiru.
Sochiin
naannessa meeshaa waraanaa seeraan alaa akka babal’atuuf manneen seeraan ala
ijaaraman kun shoora akka gumaachan odeeffannoowwan dhimmicha irratti ba’an mul’isaniiru.Hundumaafuu
ijaarsa seeraan alaa kamiyyuu dhabamsiisuun fala waarawaa argamsiisuuf shoorri
gumaachan ol’aanaadha waan ta’eef ummata bal’aadhaan kan deeggaraman akka ta’an
beekamaadha.
0 Comments