Finfinnee #Ethiopia Waxabajjii 29/2015(YMN) Miseensonni mana
marii bakka bu'oota ummataa gaaffilee waqtaawaa dhimmoota biyyaa irratti
xiyyeeffatan muummicha ministiraa kabajamaa Dr.Abiy Ahmadiif dhiyeessaa
jiru.Muummichi ministiraa Abiy Ahmad gaaffilee gara garaa miseensoonni mana
marichaa dhiyeessaniif deebiifi ibsa bal'aa kan kennan ta’a.
Gaaffileen miseensoonni mana marichaa tartiibaan dhiyeessan
dhimma siyaasaafi hawaas-diinagdee irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u dhimmi
qaala’iinsa gatii,Nagaa Naannoo Amaaraafi hookkara naannichatti uumame,rakkoo hojii dhabdummaa,walitti
dhufeenya Eertiraa wajjin qabnu,dhimma wal waraansa Suudaan,dhimma bulchiinsa Magaalaa Shaggar,diigumsa ijaarsa seeraan alaa,danqamuu namootaa,isin muummichi ministiraa taayitaa qabattan bulchiinsa siiviiliif dabarsaa kennaa,sochii finxaaleeyyii,mariin nagaa Shanee wajjin eegalame sadarkaa maalirra ga'e? kan jedhaniifi gaaffileen hedduun kanneen biroo muummicha ministiraa Dr.Abiy Ahmadiif dhiyaataniiru.
Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad gaaffilee miseensoota mana marii bakka bu'oota ummataatiin tartiibaaniif dhiyaatan hedduuf ibsaafi deebii bal'aa kennaniiru.
Muummichi ministiraa Dr.Abiy Ahmad deebii kennuu kan eegalan gaaffilee dhiyaatan iddoo lamatti qoodeen deebisa jechuudhaani.
Dhimma diinagdee ilaalchisuudhaan deebii kennan:
Dameen dhuunfaa akka dammaquuf karoorfannee turre.Galmi lammaffaan qaawwa jiru duuchuu ture ,galmi sadaffaan omishitummaa dabaluudha.
Hojmaata kanaan socho'uudhaan bu'aa ol'aanaa galmeessisuu dandeenyee jirra.Fooyyessa diinagdee biyya keessaa 2ffaa jalqabnee jirra.
Cabiinsi dhaalle baay'eedha.Akka mootummaa itti gaafatama qabnuun rakkoolee kana dhaloota itti aanutti dabarsuu hinqabnu jechuudhan sochoone.Idaan ykn liqaan Itiyoophiyaan dhaalte dhibbentaan 59 ture.Kana hir'isuu qabna jechudhaan karoorfannee hojjenne.Kan biraa waggoota saditu nuhafe.Filannoodhaaf waggaa saditu hafe.Waggoota hafan kana keessatti gaaffilee isin kaaftan kanneeniif deebiin kan kennamu ta'a.Bajanni baranaa kan qophaa'e gaaffilee jiraniif deebii kennuun akka danda'amuttidha.
Addunyaa irra yaaddoo baay'eetu jira.rakkoolee jiran keessaa ba'uun kan nuhundumaa dhiphisu ta'uu qaba.Dhaabbanni maallqaa addunyaa sadarkaa guddinaa dhibbentaan 2.8 tilmaameera.Kun kan dura tilmaame dhibbentaan 3.4 irraa kan gadi bu'edha
Nuti guddina addunyaan galmeessiftu irraa adda ta'uu hindandeenyu.Feenus fe'uu baannus Itiyoophiyaan biyyaalee guddina saffisaa galmeessisaa jiran keessatti argamti jedhan muumichi ministiraa.Nuti barana guddina dhibbentaan 7.5 eegna.Qonni iddoo ol'aanaa qaba.Omishi midhaanii shoora ol'aanaa gumaacha.
Ardiin Afrikaa guddina omisha Qamadii Itiyoophiyaa amanee fudhachuudhaan waliin hojjenna jechaa jira.Damee qonnaatiin guddina guddatu jira.
Omishi Andaaqqoo,kuduraafi muduraa,dammaan sadarkaa maatiitiin jijjiiramni guddaan argamaa jira.
Dameen itti aanu Induustiriidha.Dhibbentaa guddina ol'aanaa argamsiisaa jira.Warshaal;een 160 gahan hojii akka jalqaban taasifameera.
Amma itti fayyadamni elektiriikaa keenya dhibbnetaan 15 dabaleera
Dameen sadaffaan tajaajiladha.dhibbentaan 39 qabata.Daandiin xiyaara itiyoophiyaas guddina waliigalaatiif shoora ol'aanaa gumaachaa jira.Kanatu walitti ida'amee guddina dhibbentaan 7.5 nigalmeessifna nujechisiisa.
Qaala'iinisi gatii garuu gufuu ta'aa jira.Biyyaalee addunyaa kamiyyuu keessatti qaalaa'insi gatii miidhaa geessiaa jira.Itiyoophiyaan rakkoo addunyaa kanaan ala ta'uu hindandeenssu.Baankiin Amerikaa qaala'iinsa hir'isuuf jecha dhala Doolaaraa daabaleera.Tarkaanfiin kun Itiyoophiyaa dabalatee biyyaalee hedduu irratti dhiibbaa uumeera.
Biyyaaleen hedduun Doolaaraan bittaa gurgurtaa dhiisuu qabna jechaa kan jiran sababa kanaanidha.Biyyaaleen 60 liqaa ol'aanaa qabu.Dhalli liqaa waan dabaleef rakkoo guddaatu uumamee jira.Dhimma Itiyoophiyaas kana keessatti ilaaluun barbaachisaadha.
Rakkoo kana keessaa ba'uuf maallaqa baankiidhaan ala socho'u too'achuun eegalameera.Qaala'iinsi gatii sadarkaa ol'aanaadhaan kan miidhu hawaasa galii gadi aanaa qabudha.Isin miseensoonni Paarlaamaa Abaaboo fakkaattuu bar.Rakkoon kan jiru gara gadiidha.Namni sadarkaa hammamiitiin maaddii qoodeen jira? jechuun of gaafachuu qaba.
Xaa'oodhaaf Birrii biliyoona 21 kan deeggarre nurraa hafee miti.Omisha Boba'aatiifis deeggarsi taasifamaa jira.
Biyya Turkitti qaala'insi gatii dhibbnetaan 73 galmeeffameera.Arjantiinaatti dhibbnetaan dhibba galmaa'eera.Biyyaalee hedduutu kanaan miidhame.Kan biyya keenyaa dhibbentaan 37 irra ga'ee ture,Kan agadi buusuun dhibbentan 30 akka hincaalleef hojjetamaa jira.Bara dhufu sadarkaa ol'aanaadhaan fooyya'a jedhamee eegama.
Ganna baraanaa lafa hektaara miliyoona 2 dabalataan qonna.Liqaan nurra jiru amma dhibbentaan 38 irra ga'eera.Liqaa dhaalle dhibbentaan 59 ture utuu addaan hinkutin deebisaa jirra.
Baasiifi galiin qabnu akka walsimuuf hojjetamaa jira.Kan bara darbee wajjin yoo walbira qabamee ilaalamu guddina galii dhibbentaan 26 irraan gahuu dandeenyee jirra.jedhan.Galii dabaluuf hojiiwwan hedduu hojjechuutu nurraa eegama.Kadhachaa bilisummaa itti fufsiisuun hindanda'amu.
Meeshaalee galfamaniifi baafaaman ilaalchisuun fooyya'uumsi jira.Buna,Jimaa,warqii dhiyeessuun nujalaa hir'ateera.Shaqaxa galchinu hir'ifneerra.
Investimantiin alaa dabaleera.Kan galchine birrii biliyoona 15 caala.Xaa'oo,boba'aafi kanneen fakkaataniif kan ba'edha.
Baankiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran walitti ida'amaniituu nama miliyoona tokko ga'uuf liqaa kennuu hindandeenye.Nama kuma 500 ga'u qofaaf liqaa kennuu danda'an.Lakkoofsi Baankii 31 irra ga'eera.Dameen isaaniis dabalaa jira.jechuun Dr.Abiy deebii kennaniiru.
Dhimma hojii dhabdummaafi carraa hojii uumame:
Hojiiwwan damee qonnaafi kanneen fakkaataniin jijjiiramoonni akka jiran dursee kaaseen jira.Rakkoo hojii dhabdummaa hir'isuuf sadarkaa minisiteeraatiin hojjetamaa jira.Itiyoophiyaa keessa nama meeqatu hojii qaba?Kan hinqabnehoo meeqa jedhamee hinbeekamu.Amma kana adda baasuun danda'ameera.Waggoota darban keessa lammiiwwan miliyoona sadi caalaniif carraan hojii uumameera.Bobbiin hojii biyya alaas gaafatameera.Lammiiwwan karaa seera qabeessaan gara biyya alaatti erguuf hojjetamaa jira.Damee kanaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira. Jijjiiramnis dhufaa jira.
Xaa'oo ilaalchisee waggaa baranaa xaa'oo geejibsiisiisuu sadarkaa sadiin daballee jirra.Xaa'oon kuntaalli miliyoonni sagal bitamee gara biyya keessaatti galfameera,galfamaas jira.xaa'oo uumamaatti fayyadamuufis carraaqqiin taasifamaa jira.Nooraa qofaa omishuunis hammentaa omishaa dabaluun nidanda'ama.
Xaa'oo bitame raabsuu wajjin walqabatee rakkoon akka jiru hordofuudhaan mirkaneeffanneerra.Kun sirrii miti.Itiyoophiyaan warshaa Xaa'oo hojjechuu nidandeessi.Rakkoon kan jiru gama investimantiinidha.Abbootii qabeenyaa hedduu wajjin mari'annee milkaa'uu hindandeenye.
Finfinnee ilaalchisee,Magaalaan Finfinnee galii ofiitiin kan jiraatudha.Finfinneen galii mana jireenyaa walitti qabaa jira.Komiin yoo jiraate haalli komiin ittiin dhiyaatu jira waan ta'eef akkaataa kanaan ilaaluun barbaachisaadha.
Pirojaktii Naannolee ilaalchisee hordiffiin nitaasifama.Hanqinni yoo jiraate nisirraa'a.
Dhimma hidha haaromsaa wajjin walqabatee lammiiwwan hidha haaromsaa ijaaraa jiran akkan galateeffadhuuf manni marichaa naaf yaahayyamu(harka dhawuu)
Guutinisa itti aanu obbolaan keenya Suudaaniifi Gibtsi akka hinmiidhamne taasisuun hojjenna.
Baasii pirojaktoota misoomaa gara garaatiif ba'u ilaalchisuun komii ka'uuf Biiroo irraa eegalle,hojii kana.Obbolaan keenya Afrikaa akkamitti saffisaan hojjettan jechuun nugaafachaa jiru.Kan ala jiran maallaqichi eessaa dhufe jechuun gaafachaa jiru.Qabeenyi kun kan argame lammiiwwan Itiyoophiyaa arjaa ta'aniinidha.Mootummaan bajataan waan hunda hojjechuu hindanda'u.
Kitaabni dhaloota ida'amuu birrii biliyoona 3 gahutti gurgurame.Galiin hojii pirojaktootaa kanneen fakkaatan irraa argame.Barattoota kuma 30 caalan guyyaatti sooruun kan danda'ame arjoomummaa lammiiwwan Itiyoophiyaatiini.Kun hiyyummaa nurra jiru hir'isuuf kan hojjetamaa jirudha,jedhan.
Dhimmi bulchiinsa magaalaa Shaggar Naannoo Oromiyaa kan ilaallatu ta'ullee diigumsi ijaarsa seeraan alaa waliigaluudhaan akka raawwatamu kan taasifamedhan jedhaniiru.
Taayitaa keessan dafaatii bulchiinsa siiviiliitti dabarsaa jechuun gaaffii bakka baartii morkataa Abin irraa dhiyaateef deebii kennaniin waggaa lama lamaan filannoo gaggeessuu hindandeenyu waggoota booda yoo ummanni nufilachuu baate karaa nagaatiin taayitaa dabarsina jedhan.
Muummichi ministiraa gaffilee kanneen biroo hedduu miseensoonni mana marichaa dhiyeessaniifis deebiifi ibsa bal'aa kennaniiru.
Dhuma irratti rakkoon gara garaa numudarus Itiyoophiyaan jijjiirama guddaa galmeessiftee jirti.Abdiidhaan gara fulduraatti imalla jedhaniiru.Walga'iin idilee 28ffaa mana marichaa utuu hinxumuramin dura dhimma baajata bara haarawaa irratti yaadi murtee koree idileetiin qophaa'e dubbifamuudhaan bajanni bara 2016 birriin biliyoonni 800fi biliyoonni 100fi miliyoonni 600 dhowwannaa sagalee 1fi caalmaa sagaleetiin ragga'eera.
0 Comments